Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitichi sanyii filatamaa akaakuu garaagaraa hawaasa naannawaaf dhiyeessa jira

Finfinnee, Sadaasa 3,  2018 (FMC) –Yuunivarsiitiin Arsii sanyii filatamaa akaakuu garaagaraa baay’isuun qonnaan bultoota naannawaaf dhiyeessan jira jedhe.

Yuunivarsitii Arsiitti diinii koollejjii Saayinsii qonnaa kan tahan Dooktar Daamxoo Fufaan, Koollejjiwwan afran jiran keessatti barnoota gochaan barsiisaa qorannoo qonnaan dursa argachuuf hojjetamaa jira jedhan.

Qamadii sanyiiwwan haaraa dabalatee Buna, Kuduraafi muduraa akkasuma misoomaa Beeyladaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin Yuunivarsitii Arsii Dooktar Fiqaaduu Mitikkuun Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinitti himaniiru.

Bara darbe sanyii filatamaa akaakuu adda addaa kuntaala 500 hawaasa naannawaaf dhiyeessuu eeruun, baranas hanga kuntaala 800tti dhiyeessuu hojjetamaa jiraachuu  ibsan.

   Olyaad Ahmaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.