Yuunivarsiitiin Arsii barattoota haaraa kuma 1 fi 600 ol simate
Finfinnee, Onkololeessa 19, 2018 (FMC) – Yuunivarsiitiin Arsii barattoota Qormaata biyyaalessaa kutaa 12 darbuun ramadaman kuma 1 fi 600 ol kaampaasiwwan 3tti simateera.
Barattoonni buleeyyiin, Haadholiin Siinqee fi Abbootiin Gadaa barattoota kanneen simatamaniiru.
Yuunivarsiitii Arsiitti Daayrekterri Daayrektoreetii Reejisteraalaa obbo Muzayyin Ahimad Kaampaasiwwan Diinshoo, Boqojjiifi Arduutti barattoota kuma1 fi 600 ol simachuu eeran.
Gama biroon Yuunivarsiitii Arsiitti Hospitaalli Barsiisummaa fi Riiferaalaa Asallaa jiraattota kuma 1 fi 700 ta’aniif wal’aansa moora ijaa bilisaan kenneera.
Ispeeshaalistii ijaa Yuunivarsitii Arsii Hospitaala Asallaa kan tahan Dooktar Moltootaal Muhaammad yaada’ FMC’f kennaniin waggaa tokko keessatti si’a afraffaaf jiraattoota yaala ijaaf aanaalee godina Arsii irraa dhufaniif kennaa jiraachuu dubbatu.
Manguddootafi haadholii kuma 1fi 700 ‘f wal’aansa moora ijaa bilisaa kennamuu eeran.
Olyaad Ahmad
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.