Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiwwan barattoota haaraa ramadaman simataa jiru

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2018 (FMC) –Yuunivarsiitiwwan barattoota bara barnootaa 2018 haaraa ramadaman simataa jiru.

Yuunivarsiitiin Haramayaa barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuun qabxii darbiinsaa galmeessuun yuunivarsiitichatti ramadaman simataa jira.

Barattoota haaraa ramadaman kuma 5 fi 500 ol simachaa jiraachuu Yuunivarsiitichatti Daayrekterri Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa obbo Alemsheet Tashoomaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinitti himaniiru.

Yuunivarsiitiin Dirre Dhawaas barattoota idileen ramadaman kuma 3 fi 100, akkasuma sagantaa fooyyessa dandeettii hordofan kuma1 fi 548 simachaa jiraachuu raawwataan hojii Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa yuunivarsiitichaa Gargaaraan Piroofesaraa Tansaay Hayiluun dubbataniiru.

Akkasuma Yuunivarsiitiin Dabra Birhaan barattoota kuma 1 fi 700 haaraa Ministeera Barnootaan ramadamaniif simachaa jira.

Barattoota sagantaa fooyyessa dandeettiin ramadaman 600 olis simachaa jiraachuu Diiniin Tajaajila Barattootaa Yuunivarsiitichaa obbo Gizeew Faxxanaan ibsaniiru.

Tashoomaa Hayiluu fi Abbabaa Yeshawaali’uutu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.