Yuutiiyuubiin Pireezidaanti Tiraampiif Doolaara miiliyoona 24.5 beenyaa kaffaluufi
Finfinnee, Fulbaana 20, 2018 (FMC) – Yuutiiyuubiin himannaa Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi dhiyeessan hordofee Doolaara miiliyoona 24.5 beenyaa kaffaluuf waliigale.
Pireezidaanti Tiraampi bara Faranjootaa 2021 filannoo injifatamuu hordofee aangoo Pireezidaantii duraanii Ameerikaa Joo Baayidaniif dabarsuuf eeyyamamoo ta’uu dhabuu isaaniin Waashingitan keessatti hokkorri uumamee ture.
Barii hokkorichaa Yuutiiyuubiin akkaawuntii Tiraampi ugguree ture.
Akkasuma Tiwiitarrii fi Feesbuukiini yeroof akkaawuntii Pireezidaanti Tiraampi yeroof ugguranii turan.
Sababa kanaan Pireezidaanti Tiraampi loogiin siyaasaa narratti raawwateera jechuun dhimmicha gara mana murtii fudhachuun murtoo balleessummaa Yuutiiyuubirratti murteessisaniiru.
Kana hordofee Yuutiiyuubiin Pireezidaanti Doonaald Tiraampiif beenyaa Doolaara miiliyoona 24.5 kaffaluuf waliigaleera.
Feesbuukii fi Tiwiitarris beenyaa maallaqaa ni kaffalu jedhamuu BBCn gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.