Fana: At a Speed of Life!

Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa Abdii dhalootaati – Dargaggoota carraa hojii argatan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2017 (FMC) – Piroojektii guddaa yaadama bal’aa qabu kana keessatti hirmaachuun carroomudha jedhan dargaggoonni Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa keessatti carraan hojii uumameef.
Faayidaa har’aa qofaaf osoo hintaane Piroojektii jabaa carraa dhaloota egeree murteessu keessatti ashaaraa keenya kaa’aa jirra jedhan.
Gadaan abdii keenyaa fi dhalootaati jedhan dargaggoonni kunneen.
Dargaggoonni naannawichaa fi kutaalee adda addaarra walitti dhufan kallattiin qacaramuu fi waldaaleen gurmaa’uun Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa keessatti hojjechaa jiru.
Gadaan jireenya keenya har’aa fi abdii dhaloota boruu waan ta’eef gammachuu fi miira itti gaafatamummaa olaanaa qabuun hojjechaa jirra jedhan.
Piroojektii guddaa yaadama bal’aa qabu kana keessatti hirmaachuun carroomudha jedhan.
Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa Abdii dhalootaa ta’uu isaan milkaa’ina isaaf humnaa fi ogummaa qabnuun dirqama nurraa eegamu ni baana jechuun Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Kaayyoo hundeeffama Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa inni tokko carraa hojii uumuu fi hawaasa naannawaa diinagdeen ga’oomsudha jedhan Hojii Gaggeessaa Olaanaan Koorporeeshinii Zoonii Misooma Diinagdee Addaa Gadaa obbo Mootummaa Tamasgeen.
Qonnaan bultoonni, dargaggoonnii fi jiraattoonni naannawaa dhuunfaa fi waldaan ijaaramuun zoonicha keessatti hojjechaa jiru.
Carraa hojii uumuu qofa osoo hin taane dargaggoo ogummaan hojjetu, ogummaa yeroon barbaadu goonfate horachuuf leenjiin garaagaraa bal’inaan kennamaa akka jiru obbo Mootummaan kan himan.
Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa bakka waloon hojjetanii waloon itti guddataniidha jedhan.
Hanga ammaattis dargaggoota kuma 1 fi 90 oliif carraan hojii uumameera.
+3
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.