Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Iid Alfaxir sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan
Finfinnee, Bitootessa 10, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Iid Alfaxir sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa isaaniin Iid Alfaxir uummata musiliimaa biratti ayyaana eebbaati jedhamee amanama.
Ramadaannis baatii gaarummaan Allaah itti mul’atuufi kennaawwan qaalii dhala namaaf itti kennedha.
Quraanni gara lafaatti kan bu’e, jahaannamni cufamee ulaawwan jannataa itti banaman, hundi akka obsa amantii isaatti fi gara laafummaa Allaahatti miindaa isaa itti argatu waan ta’eef uummanni musliimaa dhufaatii Ramadaanaa fi Iid Alfaxir hawwiin eega.
Baatii eebbifamaa kana warreen hammeenya irraa of qusatan, harka qalleeyyif zaakaat kennan, warreen isaan miidhaniif dhiifama godhan gammachuun guutamanii Iidiif gahu.
Faallaa kanaa du’aa’iif warreen dhibaa’aniifi kennuuf sassatan uumaa irraa eebba hin argatan.
Filannoon fuuldura keenya baatii Caamsaa gaggeeffamu biyyi keenyi injifannoo diimokiraasii kan itti gonfattu, ulaa ittiin bara ifaa isheetti ittiin ceetudha.
Akka biyyaatti diimokiraasii waggoota hedduuf hawwaa turreerra.
Imalli keenya mijataa hin turre. Haa ta’u malee qormaata booda eebbi, jajjabina booda gammachuun akka jiru sooma ramadaanaa fi Ayyaana Iid Alfaxir irraa baranna.
Namni wanta gaarii facaase oomisha gaarii akkuma sassaabu kan qoree facaases qoreedhuma haammata. Waan hawwine qofaaf qoreen oomisha gaariitti hin jijjiiramu. Dhimmoota hafuuraanis ta’ee biyya lafaan sanyiifi oomishni hidhata qabu.
Waa’ee diimokiraasiis wayita yaadnu haqa kana dagachuu hin qabnu. Mootummaan uummataafi seera qabeessi ijaarru kan inni hundaa’u hirmaannaa nuti filannoon dura taasifnu irratti.
Hirmaannaa laafaa taasifnee dimookiraasii cimaa uumuuf hawwuun gowwummaadha. Sirni diimokiraasii lafa duwwaarraa hin biqilu; walitti bu’iinsaafi seermaleessummaanis hin ijaaramu. Faallaa kanaa tasgabbii, onnee tumsaafi qindoominaaf banaa ta’e, seeraan hogganamuu gaafata.
Ramadaanni baatii maatiin itti wal argu, sammuun itti tasgabbaa’u, namummaa fi hafuurri itti qajeelu. Iid Alfaxir ammoo ayyaana hariiroo fayyaalessa dhala namaa agarsiisudha.
Hariiroo dhalli namaa uumaa, ofii isaa fi lammii isaa waliin qabu fayyaalessa ta’uu baannaan fayyaan isaa guutuun fayyaalessa hin ta’u.
Soomni waqtii ramadaanaa namoonni ofii isaanii wajjiin akka wal argan taasisa; solaatniifi du’aa’iin uumaa isaanii waliin walitti isaan fida; Ifxaarrii fi Zakaat ammoo hawaasa waliin walitti isaan fida.
Itiyoophiyaanonni jireenya fayyaalessa gaggeeffachuu akka dandeenyuuf warreen kanneen sadan fayyaalessa gochuu qabna.
Hariiroo dhalli namaa ofiisaafi uumaa isaa waliin qabu fayyaalessa ta’uu baannaan hawaasaafis biyyaafis farra. Namni ofiisaa waliin walitti bu’aa yoo jiraate hunda waliin walitti bu’a. har’a waraana aadaa, saamicha bartee, balleessaa duudhaa, mancaatii kabaja godhanii namoonni jiraatan rakkoon isaanii inni jalqabaa uumaafi mataa isaanii waliin waliigaluu dhabuudha.
Namni amaloonni keessoo isaa walii hin galleef eenyuu waliin iyyuu walii hin galu. Araara, nageenya, jaalalaa fi waliigaltee dhimmoonni jedhaman hin galanuufi.
Namni uumaa isaa fi ofii isaa waliin yoo waliigale nama kamiinuu waliin waliigaluu danda’a; bineellada waliin osoo hin hafiin.
Akkuma Nabiyyuu Mahaammad( SAW) “ Namni Dinbiixiif illee garaa laafe guyyaa qiyaamaatti Rabbi garaa laafaaf” jedhanii kan barsiisaniifis kanumaafi. Bu’uurri ijoon islaamummaa nageenya kan ta’eefis kanumaafi. Nageenya jechuun mataa ofiifi naannawaa waliin hariiroo fayyaalessa ta’een jiraachuu danda’uu jechuudha waan ta’eef.
Ayyaana Iidaa baranaa yeroo kabajnu, addunyaa keenya irratti waa’een nagaa hanga dubbatamu, maaliif uummanni addunyaa nagaan jiraachuu dadhabe jennee of gaafachuu qabna. Dhagaan walitti bu’iinsaa fi waraanaa maaliif irra deddeebiee nu rukuta? Barmaatileen keenya inni namoota garaa laafoo caalaa “ajjeestota” akka gootaatti ilaalu maaliif jabaatee itti fufe? Ilmi namaa walitti bu’iinsaa fi waraana irraa hiyyummaa fi boodatti hafummaa qofa akka buufate utuu argu maaliif barachuu dadhabe? Obboloonni keenya addunyaa qaroomte keessa jiraatan akkamitti walitti bu’iinsaa fi waraana kan jajjabeessan ta’an? Dhaloonni ammaa gaaffilee kanneen sirriitti xiinxalee deebii isaanii argachuu qaba.
Qaamonni ofii isaanii waliin nagaa dhaban, nagaa hawaasaa akka jeequn hayyamuufii hin qabnu. Namoonni duudhaalee Ramadaanaa waliin wal faallessan bara keenya akka jeeqan eeyyamuufii hin qabnu. Jaarraa 21ffaa keessa akka jaarraa 12ffaatti jiraachuun abaarsa. Ajjeesuun, butuun, maasii qonnaan bulaa gubuun, dubartoota gudeeduun, dhaabbilee hawaasaa saamuun, hambaa fi seenaa balleessuun, akkasumas qawwee akka qoriicha rakkoo hundaatti fudhachuun; kunniin hundi amaloota ilmi namaa waggoota 800 dura dabarseedha.
Namoonni qaamolee sadii waliin araaraman jajjaboo jedhamu: Ofii isaanii, hawaasa isaanii fi Uumaa isaanii waliin. Akka Itoophiyaatti nus of kan bulchinu, Uumaa kan sodaannu fi nagaa dhalootaa fi guddina hawaasaatiif kan yaadnu ta’uu qabna.
Itoophiyaan kan guddattu fi kan badhaadhtu lammiilee isheetiin malee warra biraatiin miti. Yeroo lammiileen ishee ijaaraman isheenis ni ijaaramti; yeroo lammiileen ishee nagaa ta’an isheenis nagaa ta’ti; yeroo lammiileen ishee walii galan imalli badhaadhina ishee ni milkaa’a. Badhaadhinni Itoophiyaas kan eenyuuyyuu osoo hin taane badhaadhina keenya. Kanaafuu, Itoophiyaan akka badhaatuuf aarsaa nurraa eegamu hunda kafaluun itti gaafatamummaa keenya.
Dadhabbiin keenya har’a darbee dhalootaaf hafa. Biyya jaallachuun keenyaa fi lammummaa gaariin keenya kan beekamu hojii keenyaani. Nabiyyuu Mahaammad(SAW) ” Namootni jajjaboon warra namoota biro fayyaduuf jabaatanuii dha” jedhanii kan barsiisanis kanumaafi.
Ayyaana Iidaa kana duudhaalee gaggaarii kanneen yaadaa, sararoota fayyaalessa sadan sana cimsaa akka kabajnu dhaamsa koon dabarsa.
Irra deebiin Ayyana Gaarii!
Iid Mubaarak!
Itiyoophiyaan ijoollee isheen kabajamtee bara baraan haa jiraattu!
Uumaan Itiyoophiyaa fi Uummata ishee haa eebbisu!
Bitootessa, 2018