Itiyoophiyaan himannaa Mootummaa Sudaan kuffiste
Finfinnee, Ebla 27, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan himannaa bu’uura hin qabne kan mootummaa Sudaan dhiyaate kuffisteetti.
Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen, Humni Waraanaa Sudaanii fi Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii ibsa waloon ta’uun kennaniin, himannaan Itiyoophiyaarratti dhiyaate bu’uura kan hin qabneedha jedhe.
Hariiroo seenaa qabeessa uummatonni Itiyoophiyaa fi Sudaan qaban yaada keessa galchuun, waraana Sudaanitti gaggeeffamaa jirurratti gareen hidhattootaa tokko tokko birmadummaa fi daangaa Itiyoophiyaa sarbuun badii raawwatan uummataaf ifa gochuu irraa of qusachuu Ministeerichi ibseera.
Waraanni Sudaan hidhattoota ABUT waraana Sudaan keessatti hirmaachiisuu fi hidhattoota kanneen meeshaa waraanaa fi maallaqaan deeggaruun kara kallattii Lixa Itiyoophiyaan haleellaan akka raawwatamu taasisuu ibseera.
Waraana Sudaan keessatti loltooni ABUT wayita socho’an mul’achuu isaaniin, Sudaan bakka jireenyaa fi madda humnoota farra nageenya Itiyoophiyaa taatee tajaajilaa jiraachuun ishee ragaa qabatamaadha jedhe.
Gochaaleen akkasii waraannni Sudaanii fi qondaaltoonni biyyattii ajandaalee babal’isuu barbaadan galmaan gahuuf kan kayyeeffate ta’uu himeera.
Itiyoophiyaan wayita rakkisaa kanatti michummaa ummata Sudaan waliin qabdu cimsitee itti fufti kan jedhe ibsichi, walitti bu’iinsi Sudaan keessa jiru ni furama jedhe amanaas jedheera.
Itiyoophiyaan Mootummaan Sivilii akka hunda’uu, deeggarsi ariifachiisaa fi waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamuufi mariin iftoomina qabu barbaachiisadha jette kan amantu ta’uu ibsichi akeekeera.