Fana: At a Speed of Life!

Waggoottan darban Itiyoophiyaan gara diinagdee hammataatti ceeteetti- WMM

Finfinnee, Bitootessa 24, 2018 (FMC) – Waggoottan darban Itiyoophiyaan diinagdee qoqqoodaa irraa gara diinagdee hammataa ceeteetti jedhe Waajjirri Ministira Muummee.

Sirna diinagdee haalota jijijjiiramoo dandamatu, kallattii diinagdee hundagaleessa hordofu, dorgommii sirrii irratti hundaa’e, gabaan durfamu irratti imala jijjiiramaa gaggeessuu eereera.

Guutuun ibsa Waajjirichaa akka itti aanutti dhiyaateera.

Waggoota 8, Ce’umsa Diinagdee Itiyoophiyaa gara ammayyummaafi Diinagdee Damdaneessaatti.

Waggoottan 8 darban Itiyoophiyaan diinagdee qoqqoodaa ta’erraa irraa gara moodela diinagdee hammataa ta’eetti ceeteetti.

Haaluma Kanaan sirna diinagdee haalota jijijjiiramoo dandamatu, kallattii diinagdee damdaneessa hordofu, dorgommii sirrii irratti hundaa’e, gabaan durfamu irratti imala jijjiiramaa taasifteetti.

Guddinni diinagdee bara 2010 dura ture carraa hojii gahaa hin uumne, filmaatawwan daldala al-ergii dhiphaa turan, liqii alaa irratti hirkataa ture.

Sababoota kanneeniifi kanneen biroo irraa kan ka’e hanqinaalee caaseffamaan sakaalamee tureera.

Jijjiiramaan dura oomishtummaan qonnaa hanga ta’e daballii agarsiisee kan ture ta’us dandeettii qonnaa Itiyoophiyaan qabdu haalaan kan hin fayyadamneefi gochaa irratti kan xiyyeeffatus hin turre.

Waan ta’eef diinagdeen keenya ijoon hojimaata moodelaafi ogummaa ta’uurra darbee haala hiikkaa qabuun baasuu hin dandeenye, bu’aan isaas dameewwan hojii hundaan daldala alaarraa Doolaara biiliyoona sadii haala hin caalleen waggoota hedduuf tureera.

Paarkiiwwan Indaastiriis walitti hidhamiinsi diinagdee mandhalee waliin qaban dadhabaa waan ta’eef akka odolawwanitti ilaalamu turan.

Sirni diinagdee jijjiiramaan dura ture saaxilamummaa diinagdee gooroo uumee akka ture ni beekama. Invastimantiiwwan bu’uuraaleen misoomaa gurguddoon liqii alaatiin hojjetaman sharafa alaa gahaa maddisiisuu waan hin dandeenyeef dhiibbaan liqaa akka baay’atu godheera.

Adeemsi sirrii hin taane damee dhuunfaafi misooma diinagdee damdaneessaa ture teeknooloojii, faayinaansii fi dameeleen guddinaa kan hin guddanne yookaan ammoo damee dhuunfaaf cufaa turan.

Adeemsonni tiratoon kunneen hojiilee kalaqaa, invastimantii dhuunfaa fi sosochii diinagdee waliigalaa fi ce’umsa caaseffamaa daangessanii turaniiru.

Itiyoophiyaan bara 2010 irraa eegaltee rakkoolee kanneen furuuf, madden guddinaa haaraa banuufi ajanadaa jijjiiramaa hunda hammataa rakkoolee diinagdee gooroo sirreessuuf dandeessisan hojiirra oolchiteetti.

Rakkoo diinagdee gooroo ture qolachuun, dandeettii biyyaalessaa walitti fiduun jijjiirama ifaa galmeessineerra.

👉 Warraaqsa Qonnaafi Birmadummaa Nyaataa

Utubaa ijoo jijjiiramaa qonna gara oomishtummaa, hedduminaafi dandeettii amansiisaa waaraa ta’eetti fooyyessuudha.

Itiyoophiyaan oomisha qamadiin of danda’uun milkaa’ina gonfatteetti. Itiyoophiyaan hoggansa qonna qamadiin agarsiisteen guutummaatti ofdanda’uu dandeesseetti.

Haaluma Kanaan bara 2017 Itiyoophiyaan Afrikaa irraa biyya qamadii baay’inaan oomishtuu taatee jirti.

Heddumminni qamadiis saffisa olaanaan dabaleera. Karaa filmaata misooma boneen keessumaa oomishni midhaan dheedhii, zayitaa, fi kanneen biroo misooma indaastiriif oolan sadarkaa olaanaan akka dabalan gochuun danda’ameera.

Qabeenyi beelladaafi oomishaaleen qonnaa sona olaanaa qaban guddina ariifachiisaa galmeessisaa jiru.

Oomishtummaan hanqaaquu waggaatti biiliyoona 9.4, kan aannanii liitira biiliyoona13 kan gahe yoo ta’u oomishni fooniis gara dacha kudhaniitti guddateera.

Bu’aaleen kunneen ce’umsa sirna nyaataa fayyaalessaafi madaala isaa eege, wabii nyaataa fi madda galii baadiyyaa heddummina eeggateetti taasifamu agarsiisu.

Qonnaan butoonni miiliyoonni 9.5 qonna klilaastaraan lafa heektaara miiliyoona 12.8 irratti jijjiirama bu’uuraa argamsiisaniiru.

Kunis guddina oomishtummaa %29 fi daballii galii %18 hammata.
Akka waliigalaatti oomishni qonnaa waggoottan torba keessatti toonii miiliyoona 41.7 irraa gara toonii miiliyoona 100 fi miiliyoona 50’tti guddateera.

Kunis dameen qonnaa guddina diinagdee galmaa’e keessatti qooda olaanaa akka bahatu godheera.

Akkasumas carraa hojii magaalaafi baadiyyaatti uumameef qooda olaanaa bahateera.

Oomishtummaan qonnaa guddina galee daldala alaaf qooda olaanaa kan bahate yoo ta’u oomishni bunaa dachaan guddachuun bu’aan bunni miicame tooniin miiliyoonni tokko galmaa’eera.
Bara 2017 qofaatti sharafa alaa Doolaara biiliyoomna 2.65 argamsiiseera.

👉 Eegumsa Naannoo fi Guddina Magariisaa

Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin hirmaannaa uummataatiin biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabamaniiru.

Akkasumas, lafti hektaara miiliyoona 12.5 ta’u akka deebi’ee dandamatu taasifameera.

Haguuggiin bosona biyyattii bara 2011 keessa dhibbeentaa 17 irra ture, bara 2017tti gara dhibbeentaa 23tti ol guddateera.

Tarkaanfiin furtuu ta’e kun dhiqama biyyee hir’isuu bira darbee dinagdeedhaaf deeggersa guddaa ta’eera.

Kunis jijjiirama qonnaa fi sirna nyaataatiif gumaacha kan godhu yoo ta’u; dhiyeessii oomisha bunaa fooyyessuu fi argannaa sharafa alaa irrattis qooda olaanaa taphateera.
Walumaagalatti, sagantaan Ashaaraa Magariisaa hidhata eegumsi naannoo guddina dinagdee waliin qabu gochaan kan agarsiiseedha.

👉Imaammata Indaastirii fi Kallattii Daldala Alaa

Xiyyeeffannoon kan kenname “Zoonota Dinagdee Addaa” gara dizaayinii indaastirii, loojistiiksii fi tajaajiloota saffisiisuu dandeessisaniitti danda’an xiyyeeffataniif qaban mirkaneessuufi.

Kanaan alatti, indaastiriiwwan biyya keessaa fi dameelee oomishtoota biroo waliin hidhanni dinagdee akka cimu taasifameera.

Zoonota dinagdee addaa keessatti baay’inni abbootii qabeenyaa bara 2010 keessa 36 ture, yeroo ammaa abbootiin qabeenyaa 200 ol ta’an hirmaachaa jiru.

👉 Qoodni abbootii qabeenyaa biyya keessaas dhibbeentaa 65 ga’eera.

Jijjiiramni kun indaastiriin odola kophaa baate irraa gara sirna naannoo hunda-galeessaa fi waaraa ta’etti jijjiiramuu isaa agarsiisa.

Kanaanis zoonota dinagdee addaa keessaa oomishni daldala alaaf dhiyaatu yeroorraa gara yerootti dabalaa kan jiru yoo ta’u, fuldurattis keessattuu dameelee oomishtoota meeshaalee irratti hirkatan irraa filannoowwan daldala alaa bal’achaa jiru.

👉 Albuuda; Galii Alaa Bakka Bu’uu fi Daldala Alaa Guddisu

Waggoota saddeetan darban keessa, qabeenyi Itoophiyaa inni guddaan qabeenya albuudaa isheeti. Dameen albuudaa jijjiiraman dura akka abaarsaatti malee akka madda misoomaatti hin ilaalamu ture. Ilaalcha kana jijjiiruun guddina caaluufi fayyadamummaa hawaasaaf fakkeenya murteessaa akka ta’uuf dameen kun haala haaraan akka sakatta’amu taasifameera.

Kanaanis gahee fi gumaacha dinagdee damee albuudaa guddisuun danda’ameera.

Oomishni warqee haala olaanaan dabaluun gara toonii 39tti dhiyaateera. Galiin daldala alaa warqee irraa argamu bara 2017 keessa tilmaamaan doolaara biiliyoona 3.5 argamsiiseera.

Kunis waliigala galii daldala alaa keessaa qooda dhibbeentaa 45 olii qabaata.

Carraaqqiiwwan meeshaalee alaa galan biyya keessatti bakka buusuuf taasifamanis bu’aa argamsiisaniiru.

Kunis daldalli dhakaa cilee alaa galaa ture guutummaatti kan biyya keessaan bakka buufameera.

Oomisha simintoo waggaa gara toonii biiliyoona 20 ol geessisuun deemsi of danda’uu bu’aa agarsiisaa jira.

👉 Tiraansfoormeeshinii Diijitaalaa fi walga’iinsa Faayinaansii

Dameen telekominikeeshanii abbootii qabeenyaa dhuunfaaf banamaa ta’uun guddina diijitaalaa yeroo ammaa saffisaa jedhaman keessaa tokko galmeessiseera.

Baay’inni fayyadamtoota moobaayilaa miiliyoona 37.9 irraa gara miiliyoona 87.9tti guddachuun dandeettii dhaqqabummaa fi hunda-galeessummaa bal’iseera.

Tajaajilli faayinaansii moobaayilaa fayyadamtoota miiliyoona 58 ol horateera.

Sochiin maallaqaas biiliyoona 7.5 ol darbuun dhaqqabummaa fi hunda-galeessummaa faayinaansii dhugoomseera.

Fooyya’iinsi damee faayinaansii tasgabbii dinagdee maakiroo mirkaneessaa jira. Kanaan kan ka’es liqiin baankii kanaan dura haala olaanaan mootummaa fi dhaabbilee misooma mootummaaf ture, qoodni dhuunfaa akka ol ka’u taasifameera.

Kanaanis qoodni abbootii qabeenyaa dhuunfaa waliigala liqii baankota irraa kennamu keessaa dhibbeentaa 85 ol ga’eera.

Baankota mootummaa deebisanii ijaaruu fi fayyummaa damee faayinaansii eegsisuun dhangala’’iinsa maallaqaa fooyyesseera; qulqullina qabeenyaa dabaleera; waarummaa faayinaansiis mirkaneesseera.

👉Itti Fayyadama Baajataa (Disiipliinii) fi Jijjiirama Caasawaa

Amalli addaa milkaa’ina yeroo dhihoo murannoo bulchiinsa fi itti fayyadama baajataaf kenname dha.

Bara 2010 dura kan ture irraa karaa faallaa ta’een; fooyya’iinsi hojiirra kan oole dhiibbaa faayinaansii mootummaa sababa liqii daldala alaa irraa dhufe bu’uuraan jijjiiruuf hirkattummaa ture dhabamsiisuuni.

Dhaabbilee misooma mootummaa irratti fooyya’iinsi taasifame; hooggansa pirojeektotaa fooyya’ee fi dameelee raawwii gad-aanaa qaban sirreessuun milkaa’inaan calaqqisaniiru; faayinaansii mootummaas jabeessaniiru.

👉 Warraaqsa Magaalotaa fi Misooma Humna Namaa

Itoophiyaan magaalonni motora guddinaa ta’uu isaanii ni hubatti.

Jireenya keenya fi akkaataa jireenya keenyaa ammayyeessuuf; dinagdee guddisuu fi jijjiirama caasaa mirkaneessuuf magaalonni bu’uura guddaa dha.

Magaalonni madda guddina dinagdee keenyaa bal’isuun sochiilee daldala hedduu uumu.
Kanaan alatti kalaqaa fi indaastiriiwwan oomishtoota hawwachuun jijjiirama caasaa fiduuf bu’uura murteessaa dha.

Kanaafuu Itoophiyaan misooma magaalotaa, bu’uuraalee misoomaa fi misooma manneenii irratti sektara dhuunfaa hirmaachisuun invast gooteetti.

Misooma kooriidarii qindaa’een; magaalota jireenyaaf, tajaajila tuuriizimiif, kalaqaafi daldalaaf mijattuu taasisuun danda’ameera.

Magaalonni jiraattotaaf mijatoo akka ta’anii fi sadarkaa addunyaatti wiirtuu daldala dorgamaa akka ta’aniif misoomni magaalaa qindaa’aan waggoota darban keessa raawwatameera.

Misoomni kooriidarii Finfinneetti eegalee gara magaalota 56tti babal’ateera.

Kanaanis magaalonni jireenyaa fi hojiif mijattuu ta’uu malee kallattii guddina magaalotaa kan fuulduraa kan bocu ta’eera.

👉 Ilaalcha Dinagdee Haaraa

Itoophiyaan imaammataafi kallattii invastimantii haala olaanaan mootummaa irratti hirkataa ture keessaa baateetti.

Kanaanis hidhata dameelee keessatti; oomishtummaa irratti kan xiyyeeffate; hirmaannaa sektara dhuunfaa dammaqaa fi jijjiirama caasaa irratti gara moodeela hundaa’etti ce’aa jirti.

Qonna, indaastirii, albuuda, faayinaansii, diijitaalaayizeeshinii fi misooma magaalaa keessatti fooyya’iinsi mul’atan bulchiinsa dinagdee hojiirra oolmaa fi bu’aa irratti xiyyeeffate kan calaqqisani dha. Wal-morkiiwwan jiraatanis, ce’umsi dinagdee yeroo ammaa guddina waaraa fi hunda-galeessaaf bu’uura kaa’aa jira.

Kunis dinagdee dorgamaa fi jabaa ijaaruuf fooyya’iinsa caasaa; itti fayyadama baajataa bu’a-qabeessaa fi barbaachisummaa imaammata jijjiiruu agarsiisa.

Waggoota saddeetan darban keessatti dandeettii Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin Itoophiyaan of danda’uu fi gara yeroo fuulduraa fooyya’aatti, akkasumas gara haqa isheetti imala’ ishee geessu deemaa jirti. Daandiin kun falaasama Ida’amuutiin kan dursamu dha.

Imalli guddinaa fooyya’iinsaan, kutannoodhaan fi bu’aa lakkaa’amuun kan ibsame dha.

Itoophiyaan gara fuulduraatti yommuu ilaaltu; waggoota saddeetan darban keessatti gufuuwwan hedduu dabranii guddinni galmeessite hawwataa dha.

Bu’aan galmeessine of danda’uu mirkaneessaniiru.
Guddinni bu’uura bal’aa, gadi fagoo, damee hedduu fi hunda-galeessa ta’ee dhalootaaf akka darbuuf sochiin isaa jabaatee itti fufeera.

Waamicha Ida’amuu fudhadhaa!
Tokkummaan ni kaana; waliin ni hojjanna, akkasumas Itiyoophiyaanota hundaaf jireenya keenya fuulduraa kan jabaa fi waliinii ta’e waliin haa bocannu.
Waajjira Ministira Muummee

Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.