Filannoo Waliigalaa 7ffaa ilaalchisee dippiloomaatotaafi bakka bu’oota dhaabbilee idil-addunyaaf ibsi kenname
Finfinnee, Caamsaa 17, 2018 (FMC) – Filannoo Waliigalaa 7ffaa ilaalchisee dippiloomaatotaafi bakka bu’oota dhaabbilee idil-addunyaaf ibsi kennameera.
Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelaatawarq Hayiluun dippiloomaatotaafi bakka bu’oota dhaabbilee idil-addunyaaf qophii filannichaa, galmee filattootaa, hirmaannaa dubartootaafi dargaggootaa, qophii nageenyaafi itti fayyadama teeknooloojii irratti ibsa kennaniiru.
Adeemsi filannichaa iftoomina, bilisaafi amanamaa akka ta’uuf dhaabbilee garaagaraa waliin qindoominaan hojjetamuu ibsaniiru.
Filannichaaf filattoonni miiliyoonni 50 ol galmaa’uufi buufataaleen filannoo kumni 52 fi 29 hundaa’uu eeraniiru.
Buqqaatotaaf, loltootaafi barattootaaf buufataaleen filannoo addaa qophaa’uu; kaardiin filannoo sagaleen itti kennamu buufataalee filannoo hundaaf raabsamuu kaasaniiru.
Filannichi naga qabeessa, hirmaachisaafi bilisa akka ta’uuf boordichi qaamolee qooda fudhattoota garaagaraa waliin hojjechaa akka jirus eeraniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee gamasaaniin, Filannoon Waliigalaa 7ffaan filannoowwan walitti fufiinsaan gaggeeffamaa turanitti aanee kan dhufe ta’uu kaasanii, kunis ijaarsa diimokiraasii biyyattiif bu’uura akka kaa’e eeraniiru.
Marii ibsicha booda godhameen bakka bu’oonni biyyootaafi dhaabbilee idil-addunyaa garaagaraa filannicha naga- qabeessaafi hirmaachisaa taasisuuf sosochii godhamerraa hubannoo argachuu ibsuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia