Sochiifi ga’umsa hojiilee misoomaafi bulchiinsaa naannoo keenyaa dagannaa malee hordofna- Obbo Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Ebla 24, 2018(FMc) – Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Qimbibiititti hojiilee misoomaa adda addaa daawwataniiru.
Ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin akka ibsanitti, har’a Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Qinbibiit Gandoota Sagaleefi Dabra Muusaatti Hidha Finnaa Hadhaawaafi Kilaastara Qamadii Jallisii daawwataniiru.
Akkasumas Aanaa Jiddaatti Kilaastara Garbuu Biiraafi Kilaastara Furdisa loonii Magaalaa Sirxii, kan daawwatan yoo ta’u, kilaastarri qamadii jallisii Aanaa Sulultaas jojiilee misoomaa daawwataman keessaa ti.
Obbo shimallis ergaa isaanii kanaan,to’annaa sochiifi ga’umsa hojiilee misoomaafi bulchiinsaa naannoo keenyaa dagannaa malee yeroo yerootti daawwannaa jechuun ibsan.
Ergaan isaanii guutummaatti akka itti aanutti dhiyaateera:
”To’annaa sochiifi ga’umsa hojiilee misoomaafi bulchiinsaa naannoo keenyaa dagannaa malee yeroo yerootti daawwannaa taasisaa jirra.
Bu’uuruma kanaan, har’a Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Qinbibiit Gandoota Sagaleefi Dabra Muusaatti Hidha Finnaa Hadhaawaafi Kilaastara Qamadii Jallisii, Aanaa Jiddaatti Kilaastara Garbuu Biiraafi Kilaastara Furdisa loonii Magaalaa Sirxii, akkasumas kilaastara qamadii jallisii Aanaa Sulultaatti daawwannaa taasisneerra.
Daawwannaa kanaan, misoomni inisheetivii garaagaraafi sochiileen misoomaa aanalee godinichaatti raawwatamaa jiran kan nama jajjabeessan ta’uu hubanneerra. Rakkoon keenya umama osoo hintaane, rakkoo sirna bulchiinsa bishaaniiti. Hirkatummaan roobaratti qabnu, irra deddeebiin hongeef saaxilamaa tureera. Mootummaa jijjiiramaa keenya, rakkoo kana bu’uurarraa furuuf tarkaanfiiwwan gurguddoo sadii fudhatamaa jira.
1. 𝑺𝒂𝒅𝒂𝒓𝒌𝒂𝒂 𝑴𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊𝒇𝒊 𝑮𝒂𝒏𝒅𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊 𝑩𝒊𝒔𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑲𝒖𝒖𝒔𝒖𝒖: Maatiin marti bishaan roobaafi yaa’aa akka ofdanda’ee kuusu taasifamaa jira. Mala aadaa irraa eegalee hanga teknoolojii ‘geomembrane’ fayyadamuutti baldhinaan hojjetamaa jira. Kanaafis paampii bishaanii kuma 50 ol ta’u raabsineerra.
2. 𝑰𝒔𝒌𝒊𝒊𝒎𝒐𝒕𝒂 𝑩𝒊𝒔𝒉𝒂𝒂𝒏𝒊𝒊 𝑲𝒖𝒏𝒖𝒖𝒏𝒔𝒖𝒖: Pirojektoota bishaanii jiran yeroon suphuufi kunuunsuun, qisaasama bishaanii hambisuun bu’a-qabeessummaa isaanii olkaasuurratti argamna.
3. 𝑴𝒂𝒅𝒅𝒂 𝑯𝒂𝒂𝒓𝒂𝒂𝒇𝒊 𝑷𝒊𝒓𝒐𝒋𝒆𝒌𝒕𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑮𝒖𝒓𝒈𝒖𝒅𝒅𝒐𝒐: Iddoowwan hanqinni bishaanii cimaa jiru adda baafachuun boolla qotuu, burqaalee babaldhisuufi hidhawwan eegalaman saffisaan xumursiisaa jirra. Kana malees, Pirojektiin Finnaa Kutaalee Oromiyaa horsiisee bulaa turan keessatti jijjiirama bu’uuraa fiduurratti argama. Ummanni sababa hongeen godaansaaf saaxilamaa ture, har’a bishaan argachuun jallisii babaldhisee gara jireenya tasgabbaa’aafi oomishtummaatti ce’aa jira.
Pirojektii Finnaafi hidhe malakaa lageenitiin Godinni Shawaa Kaabaa fakkeenya mul’atuudha. Godinichi bishaan laga keessatti kuusuun qamadii jallisii omishuurratti fakkeenya hangafaa ta’aa jira. Kunis qabeenyi bishaanii sirnaan yoohoogganame jijjiirama dinagdee fiduu akka danda’u ifatti kan agarsiisudha. Gandoonni hojii kanarratti bobba’an yeroo gabaabaa keessatti boqonnaa gargaaramtummaa cufuun gara badhaadhina maatitti ce’aa akka jiran qabatamaatti muldhateera.
Walumaagalatti, fuuldurri keenya bishaan rooba qofaan kan qajeelu miti; badhaadhinni keenya akkaataa bishaan qabnu kunuunsinufi copha bishaanii kamuu itti bulchuu dandeenyun kan murtaa’udha. Dhumarrattis, safartuun milkaa’ina keenyaa inni olaanaan jijjiirama qabatamaa misoomni keenya jiruufi jireenya, nagaafi murteessummaa qoteefi horsiisee bultoota keenyaa irratti fiduun ta’uu akka qabu hubachiisaa, simmannaa ummata godinichaatiif galatoomaa jechuun barbaada.”