Oomishaalee biyya alaa irraa galan kan biyya keessaan bakka buusuun of danda’uuf kutannoon hojjechuun barbaachisa – Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Ebla 24, 2018 (FMC) – Oomishaalee biyya alaa irraa galan oomisha biyya keessaan bakka buusuun of danda’uuf hojiiwwan damee kanaan eegalaman caalaatti cimsuun akka barbaachisu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad naannawa addaa dinagdee Hujiyaanitti giddu-gala oomisha “Gobez Solar Cell” har’a daawataniiru.
Ministirri Muummeen wayita kanatti akka ibsanitti, naannawaan addaa dinagdee Hujiyaan abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin ijaarame kun sheedota 30 kanneen investaroota hedduu hirmaachisan qaba.
Naannawaan dinagdee Finfinneetti argamu kun shoora dameen dhuunfaa babal’ina indastirii keessatti qabu kan mul’isuudha.
Erga waliigaltee daldala bilisaa AGOA irraa ittifamnee, oomishtoonni huccuuwwanii irratti hundaa’an gufuun isaan mudatee akka ture yaadachiisaniiru.
Rakkoo kana hiikuuf warshaaleen oomishaalee biroo irratti akka bobba’an taasifamuu eeranii, kanaanis naannawaan addaa dinagdee Hujiyaan Anniisaa aduu(Soolaarii), baajaajii elektiriikaa, kophee, uffataa fi oomishaalee biroo oomishaa jiraachuu ibsaniiru.
Giddu-galli oomisha soolaarii Gobez naannawa dinagdee kana keessatti argamu marsaa jalqabaatiin waggaatti humna Giigaa Waattii 2 oomishuu danda’a jedhan.
Marsaan 2ffaan immoo dhiyeenyatti akka eegalamu eeraniiru.
Hojiiwwan eegalaman cimsuun yoo danda’ame, carraaqqiin oomishaalee hedduu kan biyya keessaatiin bakka buusuuf taasifamu akka milkaa’u ibsaniiru.
”Bu’aan amma argame dinqisiisaa dha; hojii Veetnaam keessatti arginee fi dinqisiifanne hunda Itoophiyaa keessatti hojjechuu dandeenyeerra; fulduratti babal’isuu irratti xiyyeeffannoon hojjechuun ni barbaachisa,” jedhan.
Naannawaan addaa dinagdee Hujiyaan Finfinnee keessatti waan argamuuf inveestaroota alaa hedduu hawwachuuf carraa guddaa akka qabu ibsaniiru.
Dameen indaastirii carraa hojii uumuu, sharafa alaa argamsiisuu fi cehumsa beekumsaa dabalatee karaa hedduun dinagdee irratti shoora gaarii akka gumaachu hubachiisaniiru.
Gama biraatiin, sochiin”Itoophiyaan haa Oomishtuu” damee indaastirii irratti bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu xiyyeeffannoon kaasaniiru.
Hojiiwwan hafan adda baasuun kutannoon yoo hojjenne, waggoota kurnan dhufan keessatti Itoophiyaan karaa hedduun of danda’uuf carraa akka qabdu hubachiisaniiru.
“Jabaannee yoo hojjenne, kan eegallee yoo xumurre fi hanqinoota jiran yoo guunne, guddina itti fufiinsa qabu fiduun bu’aa yaadne galmeessisuu ni dandeenya,” jedhan.
Fuulduratti badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuun hojii ijoo hunda keenyaa ta’uu qaba jechuun cimsanii dubbataniiru.
Mulaakuu Gaddifiin