Fana: At a Speed of Life!

Giddugala Aadaa Booranaa…

Ummanni hanagafti lafarraa hin buqqa’u, qa’ee gadi dhiisee hin godaanu, aadaa, eenyummaa fi maalummaa ofii gadi lakkiseee hindeemu, rakkoo mudate illee ciniinnatee obsaan ce’uun qa’ee dhalootaaf dhaalchisa.

Ummanni Booranaas akkuma hangafa ta’e rakkoolee jiran hunda dandamachuun har’a gaheera.

Ummata dhiibbaawwan jaarraalee hedduuf irratti taasifamaa turaniif osoo hinjilbiiffatin, duudhaalee, dhaabbilee aadaafi eenyummaa ummata Oromoo bu’uuraa tiksee asiin gahedha.

Booranni ummata aadaa isaa bulfachuu qofa osoo hin taane qabsaa’ee mo’ee abbaa biyyummaa isaa mirkaneessuu danda’uudha.

Uummanni Booranaa uumaafi uumama waliin jiraachuu aadaa kan godhate, hundi anaaf ta’a hin jedhu qooddatee jiraata.

Giddugalli Aadaa Booranaa Godina Booranaa Magaalaa Yaa’abal’ootti lafa hektaara 57.6 irratti marsaa lamaan Birrii miiliyoona 900 oliin baatiwwan 48 keessatti ijaaramee xumurame.

Giddugalli seena-qabeessi kun kutaawwan adda addaa aadaa fi sirna Gadaa calaqqisiisan kanneen akka Galma Walgahii namoota kuma 2 keessummeessu, goda hambaa seenaa, giddugala odeeffannoo fi bakka boqonnaa abbootii Gadaa of keessaa qaba.

Akkasumas, seenaa Tulaa Saglan Booranaa, siidaa dubartii meeshaa aadaa guuttattee fi abbaa warraa ishee agarsiisu, Reestoraantii akkasumas daandii keessoo kiilomeetira 1.5 dheeratuun kan miidhaageedha.

Haalli ijaarsa isaas seensa lama kan qabu ta’ee, bocni isaa marsaa sirna Gadaa karaa agarsiisuun kan hojjetameedha.

Giddugalichi aadaa, seenaafi falaasama uummata Booranaa dhalootatti ceesisuuf qooda olaanaa qaba.

Giddugalichi bara 2013 ijaarsi isaa kan eegale yoo ta’u, Caamsaa 19, 2018 Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan eebbifamee tajaajila eegale.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.