Misoomni dhugaa umama gidirsuu miti; umama akka hawaasa tajaajilutti bulchuudha- Obbo Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Adoolessa 3, 2018(FMC)- Misoomni dhugaa umama gidirsuu miti; umama akka hawaasa tajaajilutti bulchuudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Mootummaan sirna-ikoo umamaa akka hiree dhumaatti fudhatu, hiree ummata isaallee daangaa sirna-ikoo sanaan kaa’ameen murteessa jedhan.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.
𝐁𝐢𝐬𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐁𝐨𝐨𝐫𝐚𝐧𝐚𝐚: 𝐔𝐦𝐚𝐦𝐚 𝐓𝐞𝐞𝐧𝐲𝐞𝐞 𝐇𝐢𝐧𝐞𝐞𝐠𝐧𝐮; 𝐍𝐢𝐛𝐮𝐥𝐜𝐡𝐢𝐧𝐚!
Mootummaan sirna-ikoo umamaa akka hiree dhumaatti fudhatu, hiree ummata isaallee daangaa sirna-ikoo sanaan kaa’ameen murteessa. Mootummaan gahee isaa sirnaan hubatu garuu hiree ummata isaa sirna-ikoo umamaatti gadi hindhiisu. Beekumsa, saayinsii, ogummaa, hoggansaafi dhaabbilee qindeessee daangaa umamni ummata isaarra kaa’e bulchuun, seenaa isaa ofiin akka barreessu taasisa.
Garaagarummaan hawaasota guddina galmeessaniifi kanneen daangaa umamaa jalatti hidhamaanii hafanii qabeenya umamaa qabaachuu ykn dhabuu miti. Garaagarummaan isaanii mootummaa, hoggansaafi dhaabbilee dandeettii qabeenya sana hubachuu, bulchuufi hawaasa tajaajilsiisu qabaachuu ykn dhabuuti.
Misoomni dhugaa umama gidirsuu miti; umama akka hawaasa tajaajilutti bulchuudha. Seenaa Booranaa hubachuuf yaadni kun furtuu isa jalqabaati.
Booranatti hanqinni bishaanii rakkoo tajaajilaa qofa hinturre. Rakkoo sirna jireenyaa ture. Qubsumni, horsiifni, omishni, sochiin dinagdeefi abdiin egeree hawaasa Booranaa sirna-ikoo naannawaa, keessumaa bishaaniin murtaa’aa turan. Hongeen irra deddeebiin muudachaa ture qabeenya qofa hinmancaafne; carraa guddina hawaasa Booranaallee daangeesse. Kanaaf Booranni yeroo dheeraaf akka fakkeenya hongeefi hanqina bishaaniitti ilaalamaa ture.
Haala kana keessatti gaaffiin bu’uuraa mootummaa tokkoon ka’uu qabu “bishaan eessaa finna?” kan jedhu qofa ta’uu hinqabu. Gaaffii tarsiima’aan, “akkamitti umama akka hawaasa tajaajilutti bulchuu dandeenya?” kan jedhuudha. Sababni isaas, bishaan qabeenya umamaa keessaa tokko qofa. Kanaaf bishaan qofa bulchuun gahaa miti. Umama bulchuun bishaan qofa bulchuu miti.
Bulchiinsi umamaa keenya utubaalee waldeeggaran lama irratti hundaa’a: bulchiinsa biyyeefi bulchiinsa bishaanii.
Bulchiinsi biyyee bu’uura sirna kanaati. Innis eegumsa biyyee, dhaabbiifi kunuunsa biqiltuu, akkasumas itti fayyadama lafaa amala biyyeefi sirna-ikoo waliin walsimu irratti hundaa’a. Yaanni kun hojii misooma sululaa, sagantaa Ashaaraa Magariisaafi Qajeelfama Itti Fayyadama Lafaa keessatti qabatamaan hojii irra oolaa jira. Kaayyoon isaanii garuu tokko: biyyeen humna oomishtummaa isaa eeggatee, bishaan qabatee, dhalootaaf akka turu taasisuudha.
Bulchiinsi bishaanii keenya ammoo bishaan roobaafi yaa’aa to’achuu, kuusa bishaan lafa jalaa cimsuufi sirnaan fayyadamuu, akkasumas yaa’insa bishaanii (water basin) yeroofi bakka barbaachisutti qajeelchuun marsaa bishaanii guutuu bulchuu hammata.
Utubaaleen lamaan walirraa adda bahanii hojjechuu hindanda’an. Bulchiinsi biyyee cimaa bishaan tiksa; bulchiinsi bishaanii sirrii ammoo biyyee jiraachisa. Tokkoon humna isa biroo cimsuun sirna jireenyaa madaalawaa uumu.
Kanaaf umama bulchuun qabeenya tokko to’achuu miti. Sirna qabeenyi umamaa keessatti waldeeggaru, walcimsuufi jireenya hawaasaa tajaajilu ijaaruudha.
Rakkoo bishaan Booranaa furuuf yaaliiwwan garaagaraa waggoota dheeraaf taasifamaa turaniiru.
Boollonni bishaanii qotamaniiru; ujummoon diriirfameera; pirojektoonni adda addaa jalqabamaniiru. Haata’u malee, bu’aan barbaadame guutummaatti hinargamne.
Sababni isaa hanqina hojii qofa hinturre; hanqina ilaalcha sirnaa ture. Bishaan akka pirojektii qeenxetti ilaalame malee akka qaama sirna bulchiinsa qabeenya umamaa tokkootti hinilaalamne. Saxanni haala sirna-ikoo Booranaa waliin walsimuu dhabuu, teknoolojii naannawichaaf hinmijanneefi qindoominni dhaabbilee laafaa ta’uunis bu’aa irratti dhiibbaa geessiseera.
Kanaaf pirojektoonni hedduun hanqinuma isaanii waliinuu akka hojii adda addaatti raawwatan malee sirna ittifufiinsa qabu ijaaruum hinmilkoofne.
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa gaaffii kana bu’uura irraa jijjiire. Rakkoon Booranaa bishaan dhabuu qofa akka hintaane hubate. Furmaanni isaas boolla bishaanii qotuu dura sirna bulchiinsa qabeenya umamaa diriirsuu ta’uu murteesse. Kunis utubaalee lamaan — bulchiinsa biyyeefi bulchiinsa bishaanii — gara sirna bulchiinsa umamaa tokkootti walitti hidhuu ture.
Kana jechuun Pirojektiin Bishaan Booranaa jalqaba miti; bu’aa yaada tarsiima’oo kanaati. Pirojektiin bishaanii kun bu’uura sirna bulchiinsa umamaa keessatti bocame. Bishaan diriirsuun hojii qeenxee tokko miti; qaama jijjiirama sirna qabeenya umamaati.
Pirojektiin Bishaan Booranaa falaasama Mootummaan Jijjiiramaa kana gara hojii qabatamaatti jijjiire. Qorannoo haaraa gaggeesse; saxaxa isaa haaromse; teknoolojii haala Booranaaf mijatu fayyadame; hojii dhaabbilee garaagaraa sirna tokko keessatti walitti qindeesse. Akkasumas adeemsa bulchiinsa qabeenya umamaa hubate hordofe.
Har’a boollonni bishaanii, buufataaleen paampii, kuusawwan bishaaniifi ujummoowwan dheerina KM dhibbootaan diriirfaman sirna walitti hidhame tokko keessatti hojjetu. Ciminni guddaan isaa dheerina ujummoo qofa mit; sirna isaa keessatti argama. Kunis mootummaa pirojektii ijaarurraa gara mootummaa sirna ijaaruutti ce’aa jiraachuu agarsiisa.
Haata’u malee, ija kanaan pirojektiin bishaan dhugaatii qofti gahaa miti. Bishaan bu’uura oomishtummaati.
Bishaan horsiisa beeyladaa cimsa; qonna babaldhisa; invastimantii hawwata; carraa hojii uuma; galii hawaasaa guddisa. Kanaaf bulchiinsi bishaanii dhimma tajaajila bishaanii qofa miti; dhimma ce’umsa dinagdeefi badhaadhina Hawaasa Booranaati.
Godinaalee lamaanitti hojii kuusa bishaan roobaafi cimmisa bishaan lafa jalaa baldhinaan hojjetamaa jira. Kun bishaan yeroo roobu qofa kuusuu miti; marsaa bishaanii guutuu bulchuudha. Yeroo bonaa bishaan akka argamu, yeroo roobaa lolaan akka to’atamu, akkasumas qabeenyi bishaanii dhaloota dhufuuf akka tajaajilu gochuudha.
Bu’uuruma kanaan hidhawwan Finnaa 23 ijaaramaniiru. Akkasumas haroowwan hawaasaafi maatii 234 qotamaniiru. As keessatti gaheen mootummaa aadaa kuusaa bishaanii cimaa hawaasni Booranaa qabu beekumsaafi teknoolojii ammayyaatiin cimsuudha.
Walumaagalatti, rakkoo bishaan booranaa furuu irratti jijjiiramni olaanaan galmaa’aa jira. Kunis pirojektii bishaanii qofaan osoo hintaane sirna bulchiinsa umamaa ijaaruun argame. Kanaaf hojii Booranatti raawwatamaa jiru “bishaan diriirsuu” qofa jechuun hiika isaa gadi xiqqeessuudha. Inni guddaan seenaa hongee waggoota dheeraa Booranaa gara seenaa abdii, oomishtummaafi badhaadhinaatti jijjiiruudha.
Har’a Booranatti yaa’aa kan jiru bishaan qofa miti. Falaasama mootummaa umama akkaataa hawaasa tajaajiluu danda’uun bulchuuti. Bishaanifi biyyeen jalqabnee horsiisa, qonnaafi oomishtummaa walitti hidhuun sirni badhaadhinaa ijaaraa jirra.
Kanaaf hojiin Booranatti raawwachaa jirru bishaan diriirsuu qofa miti. Inni guddaan bulchiinsa umamaa tajaajila hawaasatiif mijatu diriirsuu keenya.
Misoomni dhugaa umama gidirsuu miti; umama akka hawaasa tajaajilutti bulchuudha.