Biyya gootota ilmaan ishee fi dhaabbilee cimoon kabajamtee jiraattu…
Itiyoophiyaan seenaa ishee bara dheeraa keessatti fakkeenya bilisummaafi gootummaa taatee kan jiraatte biyya guddoodha.
Baroota garagaraa weerartoonni alaa fi baandaawwan keessaa tooftaalee fi kallattiiwwan adda addaan biyyattii marsuuf, qoqqooduufi dadhabsiisuuf dhagaa hin garagalchinee hin jiru.
Haa ta’uutii Itiyoophiyaan biyya diinoota kamiiniyyuu kan hin marfamnee fi hin dhiitamne taatee akka ittifuftu kan taasise tokkummaa ummataa qofa osoo hin taane,dhaabbilee nagaafi tasgabbii ammayyaa fi cimoo isheen ijaarratteedha.
Qubsamni lafa Itiyoophiyaa haala xaxamaa naannicha keessa jiruun walqabatee humnoonni alaa hedduun gidduugala fedhii isaanii ishee taasisu.
Diinootni seenaa biyyattii geengoo keessa galchuuf irra deddeebiin yaalanis, Itiyoophiyaan garuu shira kana kan fashaleessitu dandeettii keessoo cimaa ijaarratteetti.
Maddi Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa gadameessa ishee keessaa waan ta’eef, yaaliin diinni alaa fi baandoonni, keessoo biyyattii dadhabsiisuuf godhan dambalii ummataan fashalaa’aa.
Itiyoophiyaan of tiksuurra dabartee wabii nagaa Baha Afrikaati.
Olaantummaan dippiloomaasiifi waraanaa qabdu diinootni salphaatti akka ishee hin marsinee fi hin dadhabsiifne taasiseera.
Itiyoophiyaan waggoota mootummaa Ida’amuu darban keessatti nagaa biyyattii waaressuuf riifoormii dhaabbilee taasisuudhaan caasaa nageenyaa baay’ee ammayyaa ijaaruu dandeesserti.
Dhaabbileen kunneen nageenyi ishee balaarra akka hin buune gaachana ta’uun tajaajilaa jiru.
Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa seenaa ogummaa loltummaa, teeknooloojii ammayyaa kanneen akka diroonii, Ittisa Haleellaa saayibarii ammayyaa fi meeshaalee waraanaa guguddoo waliin qindeessuun olaantummaa naannawicharratti qabdu mirkaneesseera.
Raayyichi humna birmadummaa biyyattiif sodaa ta’e kamiiyyuu saffisaan qolachuu fi deebii kennuuf ga’umsa olaanaa qaba.
Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyooleessaa shira diinaa fagoodhaa fuunfachuu, bittinneessuu fi fashaleessuu irratti dandeettii olaanaa qaba.
Humna namaa fi Teeknooloojii dhaabbilee baasaasummaa idil addunyaa waliin dorgomuu danda’u hidhachuun, shororkeessummaa biyya keessaa fi alaa sodaa nageenyaaa ta’uu danda’an dursee fashaleessa.
Bara kana keessa waraanni lafaafi qilleensa irraa darbee gara addunyaa saayibariitti ce’eera.
Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Itiyoophiyaa dandeettiin dhaabbatummaa ijaare bu’uura misoomaa murteessoo biyyattii, sirna baankii fi odeeffannoo waraanaa haleellaa saayibarii diina irraa guutummaatti qolatu taasiseera.
Itiyoophiyaan biyya diinaan hin marfamneefi hin dhiitamne taatee kan ittiftuftu hawwiidhaan osoo hin taane, dhaabbilee nageenyaafi tasgabbii qabatamaan ijaaramaniin.
Humnoonni badii keessaas ta’e alaa tokkummaa Itiyoophiyaa qoruuf yoo yaalan, gaachana nageenyaa cimaan biyyattiin ijaarratte kabajaa fi jiraachuu Itiyoophiyaa eeganii gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisanidha.
Itiyoophiyaan yoomiyyuu ilmaan ishee goototaafi dhaabbilee ishee cimoon kabajamtee jiraatti.
#Oromia #Ethiopia