Gaaffii ulaa galaanaaf deebiin ilaalama ida’amuufi ejjennoo cimaa…
Finfinnee, Adoolessa 18, 2018(FMC)- Guddina ariifachiisaafi boqonnaawwan misoomaa Itiyoophiyaan waggoottan darban keessa galmeessiste naannawaa Baha Afrikaatti giddugala guddinaa ishee taasiseera.
Biyyi uummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 ol qabduufi raayyaa kabachiisa nageenyaa guddaa ijaarte diinagdee ishee waaressuufi birmadummaa ishee mirkaneessuuf fayyadamummaa ulaa galaanaa akka ajandaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuutti qabattee sochiitti galteetti.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhugaawwan seenaa, haala teessuma lafaa fi qajeeltoowwan daldalaa haqa qabeessa waliin kan walqabatu wiirtuu faayidaa biyyaalessaa ta’uun isaa irra deddeebiin ibsamaa tureera.
Yaada Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad “ Eenyuyyuu barbaade barbaaduu baates Itiyoophiyaan cufamtee hin jiraattu” jechuun kaasan mootummaan ida’amuu ajandicha bakka dhokatee baasuun ajandaa ijoo biyyattii godheera.
Naannawichatti ulaa galaanaa haqa qabeessa argachuun nageenya, tasgabbiifi walitti hidhamiinsa diinagdee mirkaneessuuf qooda olaanaa kana taphatu waan ta’eef gaaffichi mariifi karaa nagaan dhugoomuu qaba.
Itiyoophiyaan muuxannoofi qajeeltoo addunyaarra jiruun ala dogoggora seenaan fi shira siyaasaa diinonni xaxaniin ulaa galaanaa dhabdeetti.
Biyyi waggoota hedduuf ulaa galaanaa qabaachaa turte sababa seenessa dogoggoraa waggoota 30’n ulaa galaanaarraa fagaattee itti fufuu akka hin dandeenye dirqama ta’eera.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad dhimmi ulaa galaanaa giddugala faayidaa biyyaalessaa akka ta’uufi Itiyoophiyaanonni tokkummaan akka dhaabbataniif qooda olaanaa bahataniiru.
Tattaaffii Itiyoophiyaan ulaa galaanaa mariifi qajeeltoo kennanii fudhachuun eegaltes beekamtii idil-addunyaa argachaa jira.
Itiyoophiyaan naannawichatti keessumaa shororkeessummaa ittisuufi ergama kabachiisa nageenyaa milkaa’inaan raawwachuun shoora olaanaa bahachaa jirti.
Kanaaf ammoo raayyaa guddaa teeknooloojii ammayyaa hidhateefi dirqama loltummaa bahachuu danda’u ijaarteetti.
Raayyaan ittisa biyyaa Ittiyoophiyaa daangaa biyyaarra darbee nageenyaafi tasgabbii naannawichaaf kan dhaabbate fakkeenya amanamummaafi jabinaa ta’uun isaa ni beekama.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuunis nageenya naannawichaa waaressuuf akkasumas raawwii ergama kabachiisa nageenyaa irratti qabdu ni guddisa.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuun birmadummaa diinagdee biyyaa kan murteessu dhimma faayidaa biyyaalessaa fi dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta’uun isaa dhugaadha.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii akka argatuuf ilaalamni ida’amuufi ejjennoon Itiyoophiyaanonni faayidaa biyyaalessaa irratti agarsiisan milkaa’ina guddaadha.
#Oromia #Ethiopia