Mootora Qonnaa: Warshaa Xaa’oo guddicha Godee
Finfinnee, Hagayya 21, 2018 (FMC)- Afrikaatti qonni lafee dugdaa dinagdee fi bu’uura jireenyaa uummata bal’aa ta’us, oomishtummaan damee kanaa waggoota dheeraaf galteewwan qonnaa biyya alaa irraa galan irratti hirkataa ture.
Keessumaa xaa’oo, gabbina biyyee fi oomishtummaa qonnaa keessatti gahee murteessaa qabu, biyya alaa irraa galchuun Itiyoophiyaa baasii sharafa alaa dabalatee rakkoolee biroof saaxilaa ture.
Saayintistiin beekamaan Ameerikaa, badhaasa Nagaa Nobel kan argate, akkasumas abbaa “Warraaqsa Magariisaa” jedhamuun kan beekaman Dooktar Noormaan Boorloo, kitaaba isaanii “Feeding a Hungry World: Fertilizer, Nutrition, and the Green Revolution” jedhu keessatti akka barreessanitti: “Biyyi tokko dandeettii xaa’oo oomisha qonnaa ishee barbaachisu oomishuu hin qabdu taanaan, warraaqsa qonnaa fiduu ykn uummata ishee beela irraa guutummaatti baraaruu hin dandeessu. Xaa’oon meeshaa siyaasaa fi diinagdee bilisummaa, akkasumas wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf gargaarudha.”
Kanaafidha, Mootummaan Ida’amuu damee qonnaa biyyattii jijjiiruuf warshaa xaa’oo qonnaa guddaa ijaaruu kan eegale.
Hirkattummaa waggoota dheeraa itti fufiinsaan cabsuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf kan karoorfame, naannoo Somaalee, magaalaa Godee keessatti warshaan xaa’oo guddaan ijaaramaa jiru kun, seenaa qonnaa Itiyoophiyaa fi gahee isheen naannawaa irratti qabdu gara boqonnaa haaraatti kan ceesisu taateewwan seena qabeessa ta’an keessaa isa tokko dha.
Pirojektiin guddaan kun, baasii Doolaara biliyoonaan lakkaa’amu kan gaafatu yoo ta’u, qabeenya uumamaa biyyattii misooma itti fufiinsa qabuuf oolchuuf tarkaanfii tarsiimawaa fudhatameedha.
Mootummaan Itiyoophiyaa, karaa Itiyoophiyaa Invastment Hooldiingis, biiliyeenara Afrikaa Alikoo Daangotee waliin ta’uun warshaa kana ijaaraa jira. Warshaan kun kuufama gaasii uumamaa Kaalb fi Hilalaa keessatti argamu, sarara ujummoo dheerina kiiloo meetira 110 qabuun wal qunnamsiisuudhaan anniisaa fi meeshaa dheedhiif itti fayyadama.
Warshaan kun guutummaatti wayita xumuramu waggaatti xaa’oo Yuuriyaa meetirik toonii miiliyoona 3 fi xaa’oo naayitiroojiinii, foosfarasii fi pootaasiyeemii meetirik toonii miliyoona miiliyoona 2 oomishuuf dandeettii qabaata. Kunis warshaalee gurguddoo oomisha Yuuriyaa addunyaa shan keessaa tokko isa taasisa.
Warshaan kun, gaaffii qonnaan bultoota Itiyoophiyaa waggoota dheeraaf deebii kan kennudha.
Qonnaan bulaan yeroo barbaadetti, gatii madaalawaa fi hamma gahaa ta’een xaa’oo argachuu dhabuu isaatiin yeroo dheeraaf oomishtummaan isaa hir’achuu fi kasaaraan isa mudachaa tureera. Pirojektiin kun rakkoo kanaaf furmaata.
Oomishni xaa’oo biyya keessatti argamuun dhiyeessii isaa amansiisaa taasisuu qofa osoo hin taane, uummanni nyaataan of danda’uu bira darbee, biyyi tokko carraa egeree ishee ofiin murteeffachuu akka dandeessu kan taasisu meeshaa ijoo birmadummaa nyaataati.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita pirojekticha daawwatan, “ Pirojektiin kun invastimantii ce’umsa qonnaa Itiyoophiyaa, wabii nyaataa, guddina indaastirii fi diinagdeen of danda’uu irratti taasifameedha,” jechuun, pirojektichi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa qofa akka hin taane ibsaniiru.
Pirezidaantiin Giruuppii Dangotee, Alikoo Dangoteenis, “Tumsi kun mul’ata waliinii Afrikaa indaastiriidhaan ammayyeessuu fi ardichatti wabii nyaataa mirkaneessuuf qabnu kan agarsiisudha. Itiyoophiyaan waggoota dhufan keessatti Afrikaarraa qonnaa biyya sadarkaa jalqabaarra ta’uuf dandeettii qabdi,” jechuun abdii egeree biyyattii irratti qaban ibsaniiru.
Pirojektichi Baha Afrikaatti Itiyoophiyaa giddugala qonnaa fi daldala xaa’oo ishee taasisa jedhameetu amanama.
Biyyi oomisha fi galteewwan qonnaa of dandeesse, marii siyaasaa naannawaa fi walitti hidhamiinsa diinagdee keessatti dhaggeeffatamummaa fi dhiibbaa olaanaa qabaachuu dandeessi.
Hayilayyesuus Mokonnoniin.