Olka’iinsa Damee Albuudaa Guddina Diinagdeef Abdii Haaraa Bane
Finfinnee, Qaammee 2, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan biyyoota qabeenya albuudaa hedduu qaban keessaa tokko taatus, baroota darbanitti qabeenya uumamaa ishee kana sirnaan misoomsuun guddina diinagdee biyyaaf oolchuu irratti humni ishee gahaa hin turre.
Haa ta’u malee, waggoota shanan darban keessa mootummaan Ida’amuu damee kana irratti hojiiwwan hojjetaa jiruun haalli jijjiirameera.
Mootummaan Ida’amuu, ajandaa haaromsa diinagdee mandhalee keessatti albuuda utubaa bu’uuraa guddina diinagdee keessaa tokko taasisuun, damichaaf guddina saffisaa fi invastarootaaf ammo haala mijataa uumeera.
Milkaa’inoota waggoota muraasa darban keessatti qabatamaan galmaa’an keessaa tokko oomisha warqee yoo ta’u, bara bajataa 2018 keessa galii doolaara biiliyoona 5.7 argamsiisuun tarkaanfii seena qabeessa galmeessiseera.
Kanaanis, galiin warqeerraa waggaa tokko keessatti argame, kan jijjiirama dura waggoota 27 keessatti walitti qabame caaleera.
Milkaa’inni kun qabeenyi biyyattii karaa seeraan alaa gara harka dhuunfaatti akka hin galle ittisuufi qabeenya warqee sirnaan fayyadamuun danda’amuu irraa kan madde ta’uun ibsameera.
Imalli warqee Itiyoophiyaa albuuda isaa dheedhii gurguruu qofaan kan dhaabbatu miti.
Itiyoophiyaan seenaa ishee jijjiiruuf, yeroo jalqabaatiif warshaa qulqulleessituu warqee guddaa ijaaraa jirti.
Adeemsa albuudota akkuma jirutti osoo hin jijjiiramin gara biyya alaatti erguu keessaa ba’uun, warqee, dhagaa cilee, oppaal fi faayaawwan biroo irratti sona dabaluun hojimaatni milkaa’aan gabaa biyya keessaa fi alaatti ittiin ergaman diriireera.
Oomishni simintoos akkasuma waggoota shanan darban keessatti toonii miliyoona 6.2 irraa gara toonii miliyoona 10.4tti guddateera.
Oomishni dhagaa cilee sadarkaa qulqullinaatiin sonni itti dabalamee, fedhii galtee warshaalee simintoo biyya keessaa hanga dhibbeentaa 75tti uwwisuu danda’eera.
Akkasumas, oomisha seraamikii baay’inaan biyya alaa irraa galfamaa ture dandeettii biyya keessatti oomishuu guddisuun, fedhii biyya keessaa uwwisuufi sharafa alaa bittaa oomisha kanaaf ba’aa ture qusachuun danda’ameera.
Milkaa’inni kun hundi imaammatoonnii fi sirnoonni hojimaataa invastaroota biyya keessaa fi alaa damee industirii keessatti bal’inaan akka bobba’an gargaaran fooyya’uu isaaniin kan argame ta’uun ibsameera.
Dameen albuudaa carraa hojii uumuu, oomishaalee bakka bu’oo guddisuu fi sharafa alaa qusachuu keessatti gahee olaanaa bahaa jira.
Bu’aawwan hanga ammaatti galmaa’an irratti hundaa’uun, ga’een dameen albuudaa jijjiirama diinagdee biyyaalessaa keessatti qabu gara fuulduraatti daran akka guddatee itti fufu eegama.
Mihirat Damiseetiin
#Oromia #Ethiopia