Fana: At a Speed of Life!

Arsenaaliifi Maanchistar Yuunaayitid morkattoota isaanii injifatan

Finfinnee, Fulbaana 24, 2018(FMC) – Tapha Piriimer Liigii Ingiliz torbee 7ffaan Arsenaaliifi Maanchister Yuunaayitid qabxii walfakkaataa goolii 2 fi 0’n morkattoota isaanii injifataniiru.

Sa’aatii 11:00 irraa eegalee dirree isaarratti Weesthaam waliin kan taphate Arsenaal goolii Deekilaan Raayis fi Buukaayoo Saakaan galchaniin injifachuu danda’eera.

Bifuma walfakkaatuun Ooltiraaford irratti Sandarlaand waliin kan taphate Maanchister Yuunaayitid goolii Meesan Maawunt fi Beeniyaamiin Sheeskoon galchaniin injifateera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.