Ayyaanotaaf hanqinni dhiyeessii oomishaalee akka hin uumamne hojjetamaa jira- BDO
Finfinnee, Mudde 23, 2018 (FMC)_Ayyaana Qilleefi Cuuphaaf hanqinni dhiyeessii oomishaalee garaagaraa akka hin uumamne akkasumas sirna daldalaa keessatti alseerummaa mul’atu to’achuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Daldalaa Oromiyaa.
Biirichi hanqinni dhiyeessii oomishaalee garaa garaa akka hin mudanneefi qaala’iinsi gatii akka hin uumamne koreewwan sadarka hundatti hundeessuun qooda fudhattoota waliin ta’uun hojjetaa jiraachuu Hogganaan Itti Aanaa biirichaa Obbo Tasfaayee Gashoo ibsaniiru.
Haaluma kanaan Ayyaanota kanaaf Godinaaleefi Magaalota Oromiyaa hunda keessatti midhaan gosa garaa garaa, meeshaalee bu’uuraa zayitiifi sukkaara, kuduraafi muduraa, bu’aawwan Indaastirii, beelladaafi bu’aawwan beelladaa dhiyeessuun qaala’iinsi gabaa yeroo ayyaanota kanaa akka hin uumamneef dursanii hojjechaa jiraachuu Obbo Tasfaayeen dubbataniiru.
Ayyaanoota kanaaf midhaan gosa adda addaa kuntaala kuma 100 fi kuma 22 , kuduraafi muduraa toonii kuma 500 , beelladoota dhaabbii kuma 150 , Hoolota kuma 210 , Re’oota 250 ol waliigala loon dhaabbataafi bushaayee miiliyoona 1.2 ol akkasumas lukkuu miiliyoona 5.3 phuuphaa miiliyoona 22 ol gabaawwan idileefi sanbataa irratti dhiyeessuuf hojjetamaa jira.
Dabalataan bu’aawwan indaastrii zaayita nyaataa liitira miiliyoona 1.7 ol, skukkaara yuuniyanoota waliin ta’uun kuntaala kum 21,100 , daakuu qamadii kuntaala kuma 31ol gabaa idileefi sanbataa irratti kan dhiyaatu ta’uus dubbataniiru.
Oomishaaleen dhiyaatan kunneen seeraan fayyadamaa bira akka qaqqaban akkasumas sirna daldalaa keessatti alseerummaan akka hin mul’anne sirni deeggarsaafi hordoffiin cimaan kan taasifamu ta’uu himaniiru.
Hawaasni dhiyeesiin oomishaalee gahaan jiraachuu isaa hubachuun karaa tasgabbii qabuun bitachuun ayyaanicha akka dabarsan dhaamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.