Yaa’iin COP32 Itoophiyaan anniisaa magariisaa fayyadamaa jirtu biyyoota biroof qooduuf kan gargaaruu dha – Firehiywat Taammiruu
Finfinnee, Eebla 10, 2018 (FMC)– Yaa’iin COP32 anniisaa magariisaa fi teeknooloojiiwwan Itoophiyaan fayyadamaa jirtu biyyoota biroof kan ittiin qoodduu dha jedhan Hoji-raawwachiistuu Ol-aantuun Itiyoo-telekoom Firehiywat Taammiruu.
Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad hojiiwwan koree biyyaalessaa Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa (COP32) tiin raawwataman gamaggamaniiru.
Hoji-raawwachiistuun yeroo kanatti, hojiiwwan koreen hojii Dijitaala, TQO fi Yuutilitii raawwatan ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Gareen hojii kun Yaa’iin COP32 haala milkaa’aa ta’een akka xumuramuuf gahee murteessaa akka taphates ibsaniiru.
Bu’uraalee misoomaa irraa kaasee hanga tajaajila dijitaalaatti, sirna amansiisaa, wal-simataa fi nageenyi isaa eegame kan rakkoolee adda addaa dandamachuu danda’u dhiyeessuuf ergama fudhatee hojjetaa jiraachuus kaasan.
Yaa’ichi anniisaa magariisaa biyyattiin fayyadamaa jirtu, teeknooloojiiwwan ol-aanoo fi guddina ce’umsa dijitaalaa Itoophiyaan argatte biyyoota biroof kan ittiin agarsiistuu fi muuxannoo itti qooddu ta’uus hubachiisan.
Milkaa’ina yaa’ichaaf kan fayyadan tajaajiloonni telekoomii, dhiyeessiin humna ibsaa, tajaajilli bishaanii fi dhangala’aa akkasumas sirni dijitaalaa yaa’ichi ittiin durfamu akka diriirfamus dubbataniiru.
Bu’uraaleen misoomaa fi tajaajiloonni dijitaalaa yaa’ichaf oolan hundi humna hubannoo namtolchee kan hidhatanii fi nageenyi saayibeerii isaanii guutummaatti akka eegamuuf gareen hojii kun ni hojjeta jedhan.
Itoophiyaan carraaqqii jijjiirama qilleensaa dandamachuuf gochaa jirtu addunyaatti beeksisuuf yaa’iin kun waltajjii guddaa ta’uus eeraniiru.
Adaamaasuu Arraagaawun