Baatiiwwan arfan darbanitti daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 3 fi miiliyoonni 300 ol argame
Finfinnee, Sadaasa 25, 2018(FMC)- Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Gofeen baatiiwwan arfan darbanitti daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 3 fi miiliyoonni 300 ol argame jedhan.
Ministeerichi gamaaggama raawwii karoora kurmaana jalqabaa bakka dhaabbileen waamamtootaa argamanitti gaggeessaa jira.
Dooktar Kaasaahun Gofee wayita kana baatiiwwan arfan darbanitti hojiilee dameewwan hundaan hojjetamaniin bu’aa qabatamaan galmaa’eera jedhan.
Hojii kenniinsa tajaajilaa si’eessuuf hojjetameen hojiin galmeessaafi eeyyama baasuu Birrii miiliyoona 1 fi kuma 300 olii hojjetamuu eeran.
Dhaabbilee daldalaa 603 irratti hojiin inispeekshinii hojjetamuu eeruun, kanneen keessaa 59 irratti tarkaanfiin fudhatamuu himan.
Fooyya’iinsa miindaa hojjettoota mootummaa taasifame hordofee daldaaltota daballii gatii hin malle taasisan kuma 100 fi kuma 6 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuus ibsaniiru.
Baatiiwwan arfan darbanitti daldala alaarraa galii Doolaara biiliyoona 2.84 argamsiisuuf karoorfamee Doolaarri biiliyoonni 3.37 argamsiifamuu yaadachiisan.
Itiyoophiyaan daldala alaarraa keessumaa qabeenya beelladaarraa faayidaa isheef malu akka argattuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.
Qulqullina oomishaalee alaa galaniifi al-ergii mirkaneessuuf hojii hojjetameen oomishaaleefi meeshaalee alaa galan meetirik toonii miiliyoona 1.28 fi kan al-ergii meetirik toonii kuma 100 fi kuma 34 irratti to’annoon taasifamuu ibsaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.