Fana: At a Speed of Life!

Bunni Sidaamaa Faasiil injifachuun dursummaa isaa cimsate

Finfinnee, Guraandhala 25, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 22ffaan Bunni Sidaamaa Faasiil injifachuun dursummaa isaa cimsateera.

Bunni Sidaamaa galchii 1 fi 0‘n Faasiil injifachuun garaagarummaa Nageellee Arsii waliin qabu qabxii 5’nitti bal’ifateera.

Tapha biraan Bunni Itiyoophiyaa galchii 2 fi 0’n Magaalaa Bahiirdaar injifateera.

Bunni Sidaamaa qabxii 42’n liigicha yoo dursu, Nageellee Arsiin qabxii 37’n sadarkaa 2ffaa fi Hawaasaan taphni tokko osoo isa hafuu qabxii 36’n sadarkaa 3ffaa qabateera.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.