Damee Loojistiksii fi Maritaayimiin humna namaa ga’umsa qabu horachuun murteessaadha – Dooktar Alemuu Simee
Finfinnee, Onkololeessa 5, 2018(FMC) – Afrikaatti damee Loojistiksii fi Maritaayimiin humna namaa ga’umsa qabu horachuun murteessaadha jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alemuu Simeen.
Yaa’iin Maaritaayimii Afrikaa bakka Ministiroonni Geejjibaa fi Loojistiksii biyyoota Afrikaa fi hoggantoonni Maritaayimii argamanitti Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Afrikaatti Damee Loojistiksii fi Maritaayimiin humna namaa ga’umsa qabu, dorgomaa ta’ee fi yeroo madaalu horachuuf xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaadha jedhan Dooktar Alemuu Simeen yaa’icharratti haasawa taasisaniin.
Itiyoophiyaan giddugalawwan leenjii garaagaraatti ogeeyyii galaanaa ga’umsa qaban horachuuf hojjechaa jiraachuu kaasan.
Yaa’ichi biyyoonni Afrikaa kuufama jiru fayyadamuun tumsaan akka hojjetaniif carraa kan uumuu ta’uu eeran.
Itiyoophiyaa damee Loojistiksii fi Maritaayimiin tumsaa fi qindoominaan hojjechuuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.