Dhaabbileen fayyaa tajaajila guutuu akka kennaniif xiyyeeffannoon hojjjetamaa jira- Piroofesar Natsaannat Warqinaa
Finfinnee, Guraandhala 25, 2018 (FMC) – Dhaabbileen fayyaa tajaajila guutuu akka kennaniif xiyyeeffannoon hojjjetamaa jira jedhan Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofesar Natsaannat Warqinaan.
Piroofesar Natsaannat Warqinaan Godina Jimmaa Aanaa Shabee Sombootti dhaabbilee fayyaa daawwataniiru.
Dooktar Natsaannat wayita kanatti dhaabbileen fayyaa tajaajila guutuu akka kennaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dabalataanis, dhiyeessii qorichaa fi bakka tursiisa daa’imman kichuu dabalatee, hojiin tajaajiloota biroo waliin ga’uu hojjetamaa jira jedhan.
Hojiin du’aatii Haadholii fi Daaimmanii hir’isuuf hojjetame bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru.
Dhaabbileen fayyaa fedhii hawaasaa irratti hundaa’uun akka tajaajilan taasifamuus dubbataniiru.
Dabalataanis dhaabbiile miti mootummaa kanneen akka ‘Amref Health JSI’ waliin qindoomuun, hawaasaaf tajaajila dabalataa dhiyeessuuf hojjetamaa akka jiru Piroofeesar Natsaannat ibsaniiru.
Bariisaa H/Maariyaamitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.