Fana: At a Speed of Life!

Dhaggeeffatamummaa Itiyoophiyaan dhimmoota idil – addunyaa irratti qabdu dabalaa dhufeera – Daatoo Sarii Anwaar

Finfinnee, Sadaasa 11, 2018(FMC) – Dhaggeeffatamummaa Itiyoophiyaan dhimmoota idil – addunyaa irratti qabdu dabalaa dhufeera jedhan Ministirri Muummee Maaleezyiyaa Daatoo Sarii Anwaar.

Maree gam-lamee Minisitirri Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee maaleezyiyaa Daatoo Sarii Anwaar waliin mari’ataniin dhimmoota michooma biyyoota lamaanii guddisan irratti gadi fageenyaan mari’ataniiru.

Dooktar Abiy wayita kana akka dubbatanitti, daawwannaan kun michooma biyyoota lamaanii qajeeltoo waloo irratti hundaa’uun guddachaa dhufe kan mul’isuu dha.

Tumsi biyyoota lamaanii waggoota dheeraa kan lakkoofsise ta’uu eeranii, daawwannichi dameelee adda addaan tumsa jiru cimsuuf balbala haaraa kan banee dha jedhan.

Qaamoleen lamaan hariiroon biyyoota lamaanii gara fuulduraatti caalmaatti kan cimu ta’uu mirkneessaniiru.

Ministirri Muummee Maaleezyiyaa Daatoo Sarii Anwaar gama isaaniin, daawwannaan isaanii hariiroo dippilomaasummaa caalaa daawwannaa maatii akka ta’e ibsuun, hariiroo qaamolee lamaanii cimsuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Biyyi isaanii biyyoota Afrikaa keessaa Itiyoophiyaaf iddoo guddaa kan kennituuf ta’uu ibsanii, tumsa bu’aqabeessa kana guddisuuf kutanoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Hirmaannaa Itiyoophiyaan Tumsa Kibba-Kibbaa keessatti qabduu fi waltajjiiwan idil-addumyaa akka “BRICS” f deggersa gootu jajanii, dhaggeeffatamummaan Itiyoophiyaan dhimmoota idil-addunyaa irratti qabdu dabalaa dhufuu eeraniiru.

Tumsi biyyoota lamaanii gara fuula duraatti, inveestimeentii, daldala, barnoota, qorannoo saayinsii, aadaa fi tumsa gabaa naannawaa irratti akka xiyyeeffatu kaasanii, kunis dinagdee Waldaa Biyyoota Kibba Bahaa Eshiyaa(ASEAN) fi Gaanfa Afrikaa gidduutti walityti hidhamiinsa cimaa kan uumu ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.