Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Arafaa 1446ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 28, 2017(FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Arafaa( Iid Al Adahaa) 1446ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan.

Duudhaaleen lama wayita waqtii Arafaa yaadataman Itiyoophiyaa badhaate ijaarruuf baay’ee barbaachisoodha jedhan.

Ayyaanni Arafaa ayyaana wareegamni itti yaadatamudha kan jedhan Dooktar Abiy, Nabiyyuu Ibraahim mucaa isaanii Ismaa’eliin fedhii isaaniin uumaaf wareeguuf kutannoo isaanii itti agarsiisan ta’uu ibsaniiru.

Mucaa ofii uumaaf wareeguu caalaa ajajamuunis kennaanis hin jiru jedhan.

Biyyi kan ijaaramtu wareegamaani, wanta jaallannu wareeguunis jedhaniiru ergaa isaaniin.

Biyya jechuun dhaloonni duraa dhaloota itti aanuuf wareegama kan itti kaffalu ta’uus eeraniiru.

Nabiyyuu Ibraahim mucaa isaanii wareegamaaf dhiyeessuu isaaniitiin bakka isaa hoolaa wareegaa Allaah irraa argataniiru; wareega biraa argachuuf wareegama kaffaluun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.

Dhaloota biyya isaaf wareegamu kan uumu dhaloota dursee biyya isaaf wareegame ta’uu ibsaniiru.

Abbootiifi harmootiin duraanii biyya isaaniif wareegama kaffaluu yaadachiisanii, wareegama isaaniif gatii isaanii waaqarraafi seenaarraa kan argatan ta’uu ibsaniiru.

Lafarraa garuu miindaa wareegama isaanii madaalu kan hin arganne ta’uu eeruun, miindaan lubbuu madaalu waan hin jirreefi jedhan.

Miindaa isaanii kan fudhatu nuyi kan jedhan Dooktar Abiy, miindaa keenyas dhaloonni itti aanu ni fudhata jedhan.

Adamiifi Hawwaan janataa erga bahanii booda baroota dheeraaf adda bahanii jiraataniiru; kan walargan guyyaa Arafaati jechuun Arafaan ayyaana namoonni adda bahan itti wal argan ta’uus eeraniiru.

Namoonni sababoota garaagaraan adda bahuu danda’u, wanti gaddisiisaan adda bahanii hafuudha jedhan.

Ilaalchi, komiifi  seenaan darbe adda nu baaseera ta’a, haa ta’u malee ijoollee biyya tokkoo waan taaneef adda baanee hafuu osoo hin taane akka Adamiifi Hawwaa daandiin walitti nu fidu nu barbaachisa jechuun ibsaniiru.

Daandiin walitti nu fidu marii biyyaalessaati, mariin biyyaalessaa waltajjii itti yaadonniifi fedhiiwwan keenya itti wal argani jedhan.

Waltajjii naga qabeessa tokko isa tokko itti hubatuufi tokko yaada isaa kaan hubachiisu ta’uus ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.