Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Mootummoota Gamtoomaniitti Barreessaa Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 25, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Mootummoota Gamtoomaniitti Barreessaa Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Kilaavar Gaateetee waliin mari’ataniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Mootummoota Gamtoomaniitti Barreessaa Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Kilaavar Gaateetee waliin Afrikaa haalaan kan bakka bu’u qophii COP32 irratti karaa waliin hojjechuu dandeenyurratti mari’anneerra jedhan.

Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Diinagdee Afrikaa akkasumas Kilaavar Gaateeteen garee isaanii waliin ta’uun COP32 akka milkaa’uuf qooda olaanaa ni bahatu jedheen amana jedhaniiru ergaa isaaniin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.