Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad uummata Tigiraayiif ergaa dabarsan

Finfinnee, Guraandhala 24, 2018(FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad uummata Tigraayiif Tigirifgaan ergaa dabarsaniiru.

Ergaa isaan dabarsan keessaa muraasni:

👉 Uummata Tigiraayiif waraana irra nagaa fi misoomatu malaaf.

👉 Dargaggoonni qaamolee yaada dulloomaan waraanatti isaan oofan irraa of eeguu qabu.

👉 Mootummaan naannoo Tigraay keessatti nagaan akka bu’uufi waraanni irra deebiin akka hin kaaneef fedhii guddaa qaba

👉 ABUT dhaabbata yaada boodatti hafaa waggaa 50 duraan hidhamee jijjiirama fudhachuuf fedhii hinqabnee dha.

👉 ABUT karaa dulloomaa irra deemuuf yaaluun isaa walitti bu’iinsaaf isa saaxileera.

👉 Humni maseenaan kun sodaa dogoggoraa Itiyoophiyaan ni diigamti jedhu facaasuun humna jijjiiramaa akka diimaatti ilaalaa tureera.

👉 Seenessi dogoggoraan Itiyoophiyaa keessa ture lammiileen shakkiin akka jiraatan godheera.

👉 Mootummaan uummanni Tigraay nagaa akka argatu, Baankii, Ibsaa fi bilbilaa fi tajaajilawwan akkanaa ariitiin deebiseera.

👉 Humni maseenaan garuu waliigaltee Piriitooriyaa ”gartokko keessaa filee hojiirra oolchuu barbaadaa jira.

👉 Sirna heeramMoitummaan ijaaramee fi murtii Boordii Filannoo hin kabajne.

👉 Dhaabni kun baajeta misoomaaf ramadame qophii waraanaa fi nyaata hidhattootaaf oolchaa waan jiruuf uummata Tigraay irratti rakkina dabalataa fidaa jira

👉 Badiiwwan yeroo waraanaa raawwatamaniif karaa loogii siyaasaa irraa bilisa ta’een itti gaafatamummaa mirkaneessuuf Heerri Ce’umsaa barbaachisaa dha.

👉 Qaamoleen yakka raawwatan seeraan gaafatamuu qabu.

👉 Badiiwwan yeroo waraanaa raawwataman kamuu, ajjeechaa fi saamichi(keessumaa Aksuum, Adwaa fi Shireetti)kan balaaleffatamuu qabanii dha.

👉 Mootummaan gidduu seentummaa humna alaa kamuu ni morma, olaantummaa biyyaa kabajchiisuuf ni hojjeta.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.