Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy ergaa baga Ayyaana Mawuliidaa geessanii dabarsan

Finfinnee, Hagayya 28, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa baga Ayyaana Mawuliidaa waggaa kuma 1f 500ffaan geessanii dabarsan.

Ayyaana hangafoota keenyaa kan kabajnu sababa fakeenyaa isaanii hordofnuuf jedhan Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin.

Maal akka hojjetan? Maal akka barsiisan? Maaltu akka isaan mudate? Qormaatilee akkamiin akka ce’an? Seenaa isaanii kaasuun irraa baranna jedhan.

Ayyaana Mawuliidaas wayita kabajnu jireenya Nabiyyuu Mahaammadirraa ni baranna, haalli isaan qormaatilee itti ce’an nu jajjabeessa, barsiifata isaanii yaadachaa of madaalla.

Ayyaanni Mawuliidaa bara kanaa jala bultii ayyaana bara haaraan wal cinaa kabajama.

Yerichi yeroo ‘Obsaa fi beekumsa caalaa wanti waliin qindoomuu qaban hin jiran’, jecha Nabiyyuun jedhan yeroo nu yaadachiisudha.

Yeroon kun yeroo Bayyanachuun Itiyoophiyaa itti dhugoome ta’uun ni beekama.

Uumaan dadhabbii keenya eebbisee, kadhannaa keenya dhaga’eera.

Badhaadhinni Itiyoophiyaa akka dhugoomuuf akkuma Nabiyyuun jedhan beekumsaafi obsa walitti fiduun ni imalla jedhan.

Beekumsa ifa ta’ee gaggeessaa, obsaan ammoo qormaatilee ciminaan akka dabarru nu taasisa; kanas Nabiyyuu Mahaammad irraa baranneerra jechuun ibsan.

“Osoo muka dhaabduu guyyaan murtii yoo gahe osoo addaa hin kutiin muka dhaabuu itti fufi” akkuma jedhan qormaatileen heddummatanis, danqaawwan yoo baayyatanis hanga dhumaatti biyyaafi uummata keenyaaf waan gaarii hojjechuu itti fufna jedhan ergaa isaaniin.

Hojii gaarii caalaa lafaafi waaqa irratti wanti nama kabachiisuufi uummata fayyadu kan hin jirre ta’uu ibsan.

Barri 2018 dameewwan hundaan bara bayyanachuu Itiyoophiyaa itti cimsinu waan ta’eef hordoftoonni amantichaa Ayyaana Mawuliidaa kabajan hundi bara itti aanu hojii gaarii Allaah biratti daran jaallatamu akkamiin hojjechuu akka danda’an of qopheessuun akka kabajan abdii qabaachuu eeraniiru.

Ayyaanichi ayyaana gaarii akka ta’us hawwaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.