Fana: At a Speed of Life!

Faaruun filannoo waliigalaa 7ffaaf qophaa’e eebbifame

Finfinnee, Guraandhala 25, 2018 (FMC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa faaruu filannoo waliigalaa 7ffaaf qopheesse ‘“Filannoo Keenya- Biyya Nuun Ala” jedhu eebbisiiseera.

Faaruun kun gahee filannoon ijaarsa biyyaa keessatti qabu, humna sagalee tokkoo fi lammiileen mirga isaanii fayyadamuun guddina biyya isaaniif qooda isaanii bahachuu akka danda’an kan ibsudha.

Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatwarqi Hayiluun wayita kana faaruun afaanota garaagaraan qophaa’e kun filmaatawwan miidiyaa hundaan uummata bira kan gahu ta’uu eeraniiru.

Faarichi hirmaannaa filattootaa dadammaqsuuf yaadamee qophaa’uus dubbatan.

Yeroo ammaa Boordichi meeshaalee filattootaa raabsaa jiraachuufi leenjii raawwachiistotaa kennaa akka jirus eeraniiru.

Galmeen filattootaa Guraandhala 28, 2018 akka eegalu kaasanii, lammiileen karaa appilikeeshinii Boordichaa yookaan ammoo qaamaan karaa galmeewwan teeknooloojii fayyadamuun akka galmaa’aniif waamicha dhiyeessaniiru.

Andu’aalam Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.