Falmii yaaddoo gara gadiitti bu’uurraa ooluuf taasifamu…
Finfinnee, Guraandhala 26, 2018 (FMC) – Sarara gara gadii bu’uurraa qabxii tokkoon qofa fagaatee kan argamu Tootenhaam morkiin har’a Kiristaal Paalaas waliin taasisu ni eegam.
Sagantaan xumuraa torbee 29ffaa Piriimeer Liigii Ingiliiz tapha har’a halkan sa’aatii 5:00 jalqabee Tootenhaam Kiristaal Paalaas keessummeessuun golobama.
Taphoota 28 hanga ammaatti taphate keessaa taphoota 7 qofa injifachuun, 8 ammoo qabxii qooddachuun qabxii 29’n sadarkaa 16ffaarratti kan argamu Tootenhaam tapha har’aa injifachuun dirqama itti ta’a.
Morkataan isaa Kiristaal Paalaas ammoo qabxii 35’n sadarkaa 14ffaarratti argama.
Lamaan isaanii sadarkaa isaanii fooyyeffachuuf morkiin taasisan akkaan eegama.
Kilaboonni lamaan taphoota waliin taphatan 68 keessaa Tootenhaam yeroo 38 yoo injifatu, Paalaas si’a 15 injifachuun, si’a 15 ammoo qabxii qooddataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.