Fana: At a Speed of Life!

Galmeen filattootaa filannoo Waliigalaa 7ffaa dheerate

Finfinnee, Bitootessa 26, 2018 (FMC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa galmee filattootaa filannoo Waliigalaa 7ffaa hanga Eebla 14, 2018’tti dheeresse.

Boordichi ibsa baaseen galmeen filattootaa akkaataa gabatee yeroon Guraandhala 28,2018 hanga Bitootessa 28, 2018’tti akka gaggeeffamu beeksisee turuun kan yaaadatamu ta’uu ibseera.

Boordichi karoora sirna galmee kaadhimatootaafi filattootaa teeknooloojiin deeggaruun gaggeessuuf baaseen galmeen kaadhimamtootaa xumuramuu eereera.

Akkaataa gabatee yeroon boordichi galmee filattootaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, adeemsa kana keessatti:-

✓ Akkaataa karoora qabameen naannawaa muraasatti galmeen filattootaa teeknooloojiiin kan deeggarame gochuuf dhiyeessiin neetwoorkii fi rakkoolee adeemsa galmee keessatti mudatan sirna sakkattoon adda baasuun siistemicha amansiisaafi si’ataa gochuuf yeroo adeemsichi gaafate bakka buusuun waan barbaachiseef,

✓Buufataaleen filannoo muraasni dhiyeessiin neetwoorkii isaanii amansiisaadha jedhamee dhiyaate dhiyeessiin neetwoorkii dhibuun qabatamaan waan mul’ateef adeemsa gara maanuwaaliitti jijjiiruu keessatti yeroo qisaasa’e bakka buusuun waan barbaachiseefi

✓Buufataalee filannoo muraasa irratti sababii dhiyeessii geejjibaan meeshaaleen galmee filattootaa yeroon gahuu dhabuun harkifannaa uumame bakka buusuun barbaachisaa waan ta’eef boordichi guyyaan galmee filattootaa guyyoota ayyaanaa lama osoo hin dabalatiin hanga Eebla 14, 2018’tti dheeressuu beeksiseera.

Filachuuf karaa appilikeeshinii ‘Mircaayee’ galmaa’aa!

● App Istooriirraa :- https://url-shortener.me/IHPC

● Pileey Istooriirraa https://url-shortener.me/IHPF buufachuun yookaan ammoo

● karaa Marsariitii (Kallattiin) https://url-shortener.me/IHPH galmaa’aa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.