Galmeen Imala Hajii bara 2018 eegale
Finfinnee, Sadaasa 22, 2018 (FMC)- Galmeen Imala Hajii bara 2018 buufataalee hundatti eegaleera.
Dursaan Itti aanaa Pireezidaantii Mana Maree waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheeh Abdulkariim Badirdiin ibsa kennaniin, galmeen imala hajii teeknooloojiin kan deeggaramu ta’uu ibsaniiru.
Namoonni ulaagaa imala hajii guutan hundi har’a irraa eegaluun hanga Amajji 18, 2018tti galmaa’uu kan danda’an ta’uu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.