Fana: At a Speed of Life!

Gamaaggamni Karoora misooma biyyaalessaa bara 2018 eegalame

Finfinnee, Adoolessa 8, 2017 (FMC) – Gamaaggamni Karoora misooma biyyaalessaa bara 2018 bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffamuu eegale.

Ministeera Pilaanii fi Misoomaan qophaa’uun koree olaanaan kan ragga’e karoorri misooma biyyaalessaa waliigaltee waloo uumuuf bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamamuu eegaleera.

Karoorri misooma biyyaalessaa kun haala diinagdee idil addunyaa giddugaleessa godhachuun kan qophaa’e ta’uu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan himaniiru.

Milkaa’ina biyyaalessaa bu’uura kan godhate ta’uus ibsaniiru.

Karoorri misooma biyyaalessaa bara 2018 kun Guddina Diinagdee Itiyoophiyaa % 9 galmeessuu akka danda’u tilmaama isaanii kaa’aniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.