Giddugalli walitti fufiinsaan odeeffannoo saatalaayitii fudhatu hojii eegale
Finfinnee, Sadaasa 22, 2018 (FMC)- Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji’oospaashaalii Giddugala walitti fufiinsaan odeeffannoo saatalaayitii fudhatu hojii eegalchiise.
Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutichaa Dooktar Abdiisaa Yilmaan giddugaloota walitti fufiinsaan odeeffannoo saatalaayitii irraa fuudhan kanneen magaalota naannoleetti argaman 10 keessaa 9 gara hojiitti seenuu ibsaniiru.
Teeknooloojiin kun ammayyaa’uufi si’oomina tajaajila pilaanii magaalaa, konistiraakshinii, geejjibaa, qonnaa, pirojektoota gurguddoo, albuudaafi kanneen biroo keessatti qooda olaanaa qabaachuu eeran.
Yeroo itti aanutti giddugaloota kanneen babal’isuuf hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Faantaa Dajan gama isaaniin, teeknooloojiin kun gara hojiitti galuun isaa tattaaffii magaalotatti jijjiirama guddaa fiduuf taasifamu kan deeggarudha jedhan.
Teeknooloojichi imala Itiyoophiyaan gara hojimaata diijiitaalaatti taasiftuuf bu’uura kanneen ta’an keessaa tokko ta’uu kan eeran ammoo Ministir Deetaa Ministeera Innooveeshiniifi Teeknooloojii Muluqan Qarreedha.
Teeknooloojichi odeeffannoowwan Kanaan dura JPS’n guyyoottan keessatti sassabaman sa’aatiifi daqiiqaawwan keessatti sassaabu kan dandeessisu ta’uunis ibsameera.
Qiddist Abaateetu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.