Fana: At a Speed of Life!

Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon deeggarsa Wiilcharii taasisan

Finfinnee, Amajjii 10, 2018 (FMC)- Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon qaama miidhamtoota Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Godina Beenchi Shakkoo magaalaa Amaan jiraataniif deeggarsa Wiilcharii taasisaniiru.

Waajjirri Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon hogganamu erga hojii eegalee qaama miidhamtootaaf xiyyeeffannoo kennuun deeggarsa garaagaraa taasisuun hojiilee heddu hojjechaa jiraachuun ni beekama.

Guyyaa har’aas daa’immaniifi namoota bakka tokko gara biraatti socho’anii jiruuf jireenya isaanii idiilee raawwachuu hin dandeenyeef deeggarsa Wiilcharii taasisuu ragaan Waajjira Giiftii Dureerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.