Fana: At a Speed of Life!

Guyyoota kurnan itti aanaan haalli qilleensaa gogaa fi qorraa ta’e cimee itti fufa

Finfinnee, Sadaasa 22, 2018 (FMC) – Guyyoota kurnan itti aanaan haalli qilleensaa gogaa fi qorraa ta’e cimee itti fufa jedhe Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa.

Inistiityuutichi haala qabatamaa jiru bu’uura godhachuun qilleensi gara biyyattiitti bubbisu gogaa fi qorraa ta’e cimee akka itti fufu raageera.

Haalli qilleensaa rooba ta’uu danda’u kutaalee Kibbaa fi Kibba Bahaatti darbee darbee kan itti fufu ta’ee eere.

Haaluma kanaan Godinaaleen Kibba Oromiyaa, Sidaamaa, Godinaaleen Kibba Naannoo Kibba Itiyoophiyaa fi Godinaaleen kibba naannoo Somaalee iddoolee muraasatti Roobni hammaan xiqqaa ta’e jiraachuu akka danda’u ragaaleen ni agarsiisu jedhe.

Gama biroon kutaaleen Kaabaa, Godinaaleen Giddugaleessaa fi Kibba Goondar, naannawwaan Bahiirdaar, Awwii, Goojjam Bahaa fi Lixaa Rooba hin eegamne hammaan muraasa ta’e akka argatan himuu TOI gabaaseera.

Godinaaleen Lixa Oromiyaa, Arsii Lamaan, Baalee lamaan, Beenishaanguul Gumuuz Kamaashii fi Godinni Addaa Maa’ookoomoo, Godinaaleen Gaambeellaa, Kibba Lixa Itiyoophiyaa iddoolee tokko tokkotti rooba hin eegamne hammaan muraasa ta’e argatu jedhe.

Kutaaleen Kaabaa harki caalu, Baha, Geddugaleessii fi Baddaawwan Kibba biyyattii haala qilleensaa gogaa, Aduu, akkasuma qorraa digirii seelshiiyesii 5 gadi ta’e halkanii fi ganama itti fufiinsaan kan argatan ta’uu ragaaleen ni mul’isu jedhe.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.