Fana: At a Speed of Life!

Ifxarri Daandirraa Sambata dhufu gaggeeffamuufi

Finfinnee, Guraandhala 26, 2018 (FMC) – Ifxarri guddaan Daandirraa 6ffaan mata duree ‘Najjaashii kabaja biyyaaf’ jedhuun gaggeeffamuufi jedhe Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa.

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Mana Maree Dargaggoota Islaamaa Itiyoophiyaa waliin qopheessan kun Sambata duraa dhufu Magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffama.

Sirni Ifxaraa guutuu biyyattiitti guyyuma walfaakkaatu kan gaggeeffamu ta’uu ibseera.

Sirni Ifxaraa Daandiirraa kun duudhaalee Islaamummaa kan guddisuu fi walummaa cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ustaaz Abbubakar himaniiru.

Sagantaan guddaan kun oolmaa Itiyoophiyaan Islaamaaf qabdu akkaataa mul’isuu fi madaaluun gaggeeffama jedhan.

Hirmaattoonni akkaataa namuusa Islaamummaa fi Soomana guddaa Ramadaanaa madaaluun hirmaachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Qophii guddaan kun milkii fi bifa ho’aa ta’een akka gaggeeffamu hawaasni musliimaa iddichatti argamuun gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Maraa’ol Kadirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.