Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Daandii Saffisaa Mi’eessoo- Dirre Dhawaa hariiroo daldala naannawichaaf faayidaa olaanaa qaba – Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Hagayya 13, 2017 (FMC)- Ijaarsi Piroojektii Daandii Saffisaa Mi’eessoo – Dirre Dhawaa walitti Hidhamiinsa daldalaa naannawichaa fi Hariiroo Ummataa fi Umamataaf faayidaa olaanaa qaba jedhan Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin.
Sagantaan eegalchiisa Daandii Saffiisaa Mi’eessoo- Dirre Dhawaa magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeeffameera.
Daandichi baasii geejjibaa fi balaa tiraafikaa kan hir’isu ta’uu Aadde Caaltuun dubbataniiru.
Guddinaa fi badhaadhina biyyaaf murteessaa ta’uu eeruun, ijaarsa bu’uuraalee misooma daandiif xiyyeeffannoon kennameera jedhan.
Ijaarsi Pirojeektii daandii saffiisaa Mi’eessoo- Dirre Dhawaa kanaan dura sa’aatii shanii ol fudhataa ture gara Sa’aatii 1:30 tti kan hir’isuu ta’uus Aadde Caaltuun kaasaniiru.
Akkasumas Pirojektichi qaama Insheetiivii walitti hidhamiinsa Gaanfa Afrikaa ta’u ibsuun, daldalaa fi hariiroo ummataa biyyoota naannawichaa waliin qabduuf faayidaa olaanaa qabaachuu himuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.