Fana: At a Speed of Life!

Ijipti kallattii fi al kallattiin yaaliin sodaachisoo Itiyoophiyaarratti gootu dhugaa jabanaa hubachuu dhabuurraa kan maddeedha – MDhA

Finfinnee, Sadaasa 24, 2018 (FMC) –Mootummaan Ijipti marii waloo baqachuun  kallattii fi al kallattiin yaaliin sodaachisoo Itiyoophiyaarratti godhu dhugaa jaarraa 21ffaa hubachuu dhabuurraa kan madde ta’uu agarsiisa jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.

Aanga’onni biyyattii olaantummaa ilaalcha bara kolonii laga Abbaayyaarratti qaban ammaas yaadaa jiraachuu isaaniin biyyoonni gaanfa Afrikaa akka hin tasgabboofne farreen nageenyaa waliin hojjechaa jiri jedhe Ministeerichi ibsa baaseen.

Sosochiin gama biyyattiin godhamaa jiru kun bal’isanii yaaduu dhabuurraa kan madde ta’uu mul’isa kan jedhe ministeerichi ibsa isaan, taphni yeroon isaa irra darbe kun Itiyoophiyaarra miidhaa tokkollee akka hin geessisne cimsee hubachiise.

Itiyoophiyaan sadarkaa Afrikaatti Paan Afrikaanizimii kan  leelliftuu fi Kolonummaa biyya qolachaa turte ta’uu eeruun, waliigaltee kolonumma Kaayiroo fayyaduuf godhamuuf iddoo kan hin qabne ta’uu hime.

Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa daangaa ishee keessatti argamu fayyadamuuf eeyyama qaama biroo kamiiyyuu hin barbaaddu jedhe.

Kanas akkaataa seera idil addunyaa eegeen kan raawwattu ta’uu ibse.

Ijipti marii fi fayyadamummaa waloo dhiibuun seenessa bu’uura hin qabne uumuun adeemsi adeemaa jirtu sirrii akka hin taame yaadachiisuun, Itiyoophiyaan badhaadhina waloo fi guddinaaf murannoon hojjechuu itti fufti jedhe ministeerichi ibsa isaan.

Hidhi Guddichi Haaromsaa of danda’uu fi piroojektii misoomaa ta’uu isaan  walitti bu’iinsaa fi seenessa bu’uura hin qabnerra waloon misoomuuf dursa kennuun filannoo fooyya’aa ta’uu eere

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.