Irreechi Malkaa Dooshaa fi Odaa Bulluq Irreeffatame
Finfinnee, Onkololeessa 2, 2018 (FMC) –Irreechi Malkaa Dooshaa fi malkaavOdaa Bulluq Irreeffatameera.
Ayyaanni Irreechaa Malkaa Dooshaa, Bulchiinsa magaala Asallaatti haala duudhaa fi safuu isaa eegeen kabajameera..
Ayyaanichi mata duree ‘Irreechi Olka’iinsa Biyyaaf’ jedhuun kabajame.
Kabaja Ayyaana Irreechaa Malkaa Dooshaarratti Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, kantiibaa magaalaa Asallaa obbo Simee Tsaggaayee ,hoggantoonni magaalichaa, qeerroo fi qarreen , jiraattoonni magaalaa Asallaa fi naannawa ishee akkasumas keessummoonni garaa garaa argamaniiru.
Ayyaanni Irreechaa Malkaa Odaa Bulluqis haala duudhaa fi safuu eegeen kabajameera.
Abbootii Gadaa, haadhooliin Siinqeefi hawaasni bal’aan bakka argamanitti karaa aadaafi duudhaasaa eegeen gaggeeffamaa jira.
Faxxanaa Zawdeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.