Itiyoophiyaan damee atileetiksiin beekamtii lama argatte
Finfinnee, Sadaasa 11, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan damee atileetiksiin Waldaa Atileetiksii Addunyaa irraa beekamtii lama argatteetti.
Itiyoophiyaan beekamtii kan argatte Fiigicha Guddicha Itiyoophiyaa fi gumaacha atileet Abbaabaa Biqilaan ta’uun ibsameera.
Sirni beekamtii kun Godambaa Biyyaalessaa keessatti kan geggeeffame yoo ta’u, ispoortiin dadammaqiinsa damee tuurizimiif ga’ee guddaa akka taphatu sirnicharratti eerameera.
Fiigichi Guddichi Itiyoophiyaa ammoo kanaaf ragaa tokko ta’uun ibsameera.
Sirnicha irratti Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanechi Abeebee, Ministirri Tuurizimii Salaamaawwiit Kaasaa, Shaalaqaa Haayilee Gabrasillaasee, akkasumas Pirezidaantii itti aanaan Waldaa Atileetiksii Addunyaa Kiriis Tarnar argamaniiru.
Jamaal Ahmadtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna