Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaa Adaanech Abeebeen Gamoowwan mana jireenyaa eebbisan

Finfinnee, Sadaasa 13, 2018 (FMC) –Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Gamoowwan mana jireenya abbaa darbii 11- 18 jiran eebbisneerra jedhan.

Kantiibaa Adaaneech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin,gamoowwan mana jireenyaa 24 abbaa darbii 11-18 jiran eebbisuu ibsan.

Gamoowwan eebbisne mana jireenyaa qofa osoo hin taane naannawaa jireenyaa mijataa dabalataati jedhan.

baatii sagal keessatti qulqullinaa fi saffiisaan gamoowwan 24 manneen jireenyaa kuma 1fi 287 ifatti eebbisuu ibsaniiru.

Gaaffii hawaasummaa fi diinagdee jiraattootaa deebisuuf kan dandeessisan hojiileen bu’aa qabeessi heddu hojjetamaa jiru jedhan.

Keessattuu rakkoo mana jireenya jiraattoota furuuf waggoottan jijjiiramaa darbe manneen kuma 300 fi kuma 80 ijaaruun fayyadamtootaaf dabarsuu ibsaniiru.

Kunis jijjiiramaan dura wagga 17 manneen kuma 100 fi kuma 79 caalmaa qaba jedhan.

Qajeeltoo Kalaquu fi saffiisuun piroojkektoota milkeessine keessaa piroojeektiin kun olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Manneen Waliin jireenyaa kunneen kan argaman Addabaabaayii Jarman, Ayarxeenaa fi naannawaa Giraaritti ta’uu eeraniiru.

Gamoowwan eebbisne mana jireenyaa qofa osoo hin taane naannawaa jireenyaa mijataa dabalataatis jedhan.

Kunis bakka tapha daa’immannii, dirree kubbaa, bakkewwan bashananaa, bakka dhaabbii Konkolaataa fi kanneen biroo kan of keessatti qabate ta’uu himaniiru.

Pirojeektiin kun ijaarsa irra darbee carraa hojii fi ce’umsa beekumsaa dargaggootaaf argamsiisuun, dandeettii ijaarsaa uumeera jedhan Aaadde Adaanech.

Dabalataniis qulqullinaa fi ariitii yeroo walfakkaataatti mirkaneessuu akka danda’amuu mul’iseera jedhan.

Manneen kunneen gatii madaalawaan hojjettoota baankii Daldala Itiyoophiyaaf dabarfamuu ibsuun, gama tokkoon hanqina mana jireenyaa furuuf furmaata kan uume ta’uu dubbataniiru.

Gama biraan immoo fandii misooma manaa kan uumee akka ta’ees eeraniiru.

Kantiibaa Adaanech milkaa’ina hojii kanaaf qaamoolee gahee isaanii bahatan galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.