Komishinichi Ijaarsa Manneen harka qalleeyyii Aanaalee Ejersa Lafoo fi Dandiitti eegalchise
Finfinnee, Hagayya 13,2017 (FMC)- komishiiniin Invastimantii Itiyoophiyaa Tajaajila Tola Ooltummaa gannaan Godina Shawaa Lixaa Aanaalee Ejersa Lafoo fi Danditti Ijaarsa Manneen harka qalleeyyii eegalchiiseera.
Sagantaa eegalchiisaa irratti Komishinara Komishiinichaa Dooktar Zallaqaa Tamasgeen, Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.
Manneen ijaaraman kunneen deeggarsa Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaan yoo ta’u yeroo, gabaabaa keessatti xumuramuun kan dabarfaman ta’uun ibsameera.
Komishinarri Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dooktar Zallaqaa Tamasgeen, manneen ijaaraman kunneen meeshaalee barbaachiisoo kan of keessaa qabanii fi sadarkaa qulqullina olaanaan kan ijaaraman ta’uu dubbataniiru.
Bulchaan Godinichaa obbo Didhaa Guddataan gamasaaniin, deeggarsa Komishiinichi kenneef galateeffachuun, hojiin tajaajila Lammummaan godinichatti xiyyeeffanoon hojjetamaa jiraachuu himuu isaanii Itti Gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Godinichaa Obbo Baayisaa Jaalataan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.