Midhaginni, kennaa fi qabeenyi Itiyoophiyaan hin qabne hin jiru – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Amajii 10, 2018 (FMC) – Nutu hubachuu dhabe malee, midhaginni, kennaafi qabeenyi Itiyoophiyaan hin qabne hin jiru jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad har’a Ikoo Loojii Danbii eebbisaniiru.
Saganticha irratti ergaa dabarsaniin, namni baay’een biyya isaa sirriitti utuu hin beekin miidhaginaa fi kennaa biyya isaa utuu hin danda’in kan hormaa haalli itti jaju akka jiru himan.
Ikoo Loojii Danbii utuu arganii bakkeewwan filatamoo addunyaa keessaa tokko akka ta’e ni amanu jedhan.
Kanaan dura gara naannoo Ikoo Loojiin kun itti argamu, naannoo Uummatoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa deemuun rakkoo akka ture kaasanii, amma haala salphaan Xiyyaaraan imalanii tajaajila isaa argachuun akka danda’an eeraniiru.
Idalamuun qabeenya Uumaan uummata Miizaan Amaan, Beenchi, fi Shakkoof kenne miidhagsee bu’aaf oolchuu akka ta’es hubachiisaniiru.
Hojiin bakkichaa harka caalu kennaa Uumaa akka ta’e kan kaasan Dooktar Abiy, Kennaa Uumamaan nuuf kenname fudhannee yoo callisne miidhagina amma argine kana arguu hin dandeenyu jedhan.
Mootummaan Dargii lammiilee qindeessuun bosona hedduu gara maallaqaatti jijjiiruun buna dhaabuu, hidhawwan hidhuu fi humna maddisiisuu yoo danda’es, miidhagina amma jiru fiduuf ga’aa akka hinturres yaadachiisan.
Amma tumsa mootummaa, abbootii qabeenyaa fi uummataan hojjechuun yoo eegalamu, qabeenyaa fi miidhaginni akkanaa mul’achuu danda’eera jedhan.
Ikoo Loojiin qabeenya bishaanii, bunaa fi bosonaa yoo bakka hin buunes, miidhagina akka dabalus kaasan.
Warreen biyya isaanii jaal’atanii fi daawwachuu barbaadan loojicha akka daawwatan waamicha dhiyeessaniiru,
Dhugaa jiru fudhachuun rakkisaa yoo ta’es miidhaginni,kennaa fi qabeenyi Itiyoophiyaan hinqabne akka hinjirres irra deebiin hubachiisaniiru.
Soosinnaa Alamaayyoon
#Oromia #Ethiopia