Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen kaayyoo waliigalaa maree biyyaalessaa bu’uureffachuun akka gabaasan gaafatme

Finfinnee, Guraandhala 19, 2018 (FMC)- Komiishiniin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa miidiyaaleen kaayyoo waliigalaa maree biyyaalessaa bu’uureffachuun akka gabaasan waamicha dhiyeesseera.

Komiishinichi hoggantootaa fi ogeeyyii dhaabbilee Midiyaa waliin hojiiwwan komiishinichaa gara fuula duraa fi hirmaannaa miidiyaalee ilaalchisee mari’ateera.

Komiishineerrii Komiishinichaa Ambaasaaddar Mahaammud Diriir waltajjicha irratti akka dubbatanitti, miidiyaaleen hojii komiishinichaa hawaasa biraan ga’uuf ittigaafatama biyyaalessaa isaan irra jiru sirnaan ba’achaa turaniiru.

Yeroo itti aanuttis adeemsa maree biyyaalessaa kana karaa itti gaafatama qabuun bal’inaan akka gabaasan gaafataniiru.

Komiishineerrii Komiishinichaa Dooktar Yonaas Adaayyee gama isaaniin, qajeeltoowwan gabaasaa marichaa ilaalchisee hirmaattotaaf ibsa kennaniiru.

Kaayyoo waliigalaa maree biyyaalessaa bu’uureffachuun gabaasuu akka qabanis ibsa isaaniin hubachiisaniiru.

Miidiyaaleen hammattummaa, bakka bu’ummaa, odeeffannoo walsimisiisuu fi qindeessuu hojii isaaniitti hammachiisuun hawaasni adeemsa maree kanaa irratti hubannaa ga’aa akka qabaatu gargaaruun akka irraa eegamu kaasaniiru.

Waltajjicha irratti raawwiin waggaa afurii komiishinichaa, karoorri itti aanuu fi hojiiwwan tumsaa miidiyaalee waliin hojjetaman ogeeyyii komiishinichaan dhiyaatanii irratti mari’atameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.