Indaastiriin Ijaarsaa sochii diinagdee biyyaa tokkoof murteessaadha- Aadde Caaltuu Saanii
Finfinnee, Ebla 9, 2018 (FMC)- Indaastiriin Ijaarsaa sochii diinagdee biyyaa tokkoof murteessaadha jedhan Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin.
Torbeen Ijaarsaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Itiyoophiyaa mata duree “Itiyoophiyaan ni ijaarti, Kalaqni, Ariitii fi ququllinni guddina Bu’uuraalee Misoomaaf “jedhuun marii Paanaalii fi agarsiisa Eegzibishiniin Giddugala Konveeshinii Idil Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira.
Aadde Caaltuu Saaniin wayita kanatti haasawaa taasisaniin, indaastiriin ijaarsaa fedhii fi guddina misooma biyyaaleesaaf gahee isaa bahataa jira jedhan.
Damee Ijaarsaa carraa hojii uumuu fi diriirsa bu’uuraalee misoomaa saffisisuuf gaheen qabu olaanaa ta’uu isaan Mootummaan xiyyeeffannoo addaa argachuun guddina olaanaa mul’isa jiraachuu ibsaniiru.
Raawwiin Pirojektoota ijaarsa mandhalee jijjiiramaa as fooyya’iinsa argamsiisuu ibsuun, sadarkaa raawwii damichaa fooyyeessuuf hojiileen heddu hojjetamuu himaniiru.
Waltajjichaan dhiyeessii fi fedhii meeshaalee ijaarsaaf oolan gidduu jiru addaan baasuun furmaata dhiyeessuu fi rakkoolee gama kanaan jiran furuuf, akkasumas muuxannoo idil-addunyaa fi ce’umsa teeknoolojii argachuuf ta’uus dubbataniiru.
Indaastiriin Ijaarsaa Itiyoophiyaa kalaqaa fi Invastimantii fi mijataa ta’uu ibsuun, haa ta’u malee gabaa bal’aaf faayidaarraa ooluu akka hin dandeenye hubachiisaniiru.
Agarsiifni Eegzibishinii fi mariin paanaalii hanga Ebla 12, 2018 tti kan turu ta’uun ibsameera.