Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad pirezidaantii Fiinlaandi waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 13, 2018(FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad pirezidaantii Fiinlaandi Aleeksaander Istaab waliin mari’ataniiru.
Maree isaaniin dhimmoota naannawaa, hariiroo tumsa gam-hedduu fi gamlamee irratti mati’achuu isaanii fuula Miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ibsaniiru.
Akkasumas eegumsa qabeenya qilleensaa fi filannoowwan inveestimeentii haala dinagdee baname keessa jiran irratti mari’ataniiru.
Maareen kun ejjennoo walitti dhufeenya fi bu’aa waloo biyyoota lamaanii cimsuu irratti jiru kan cimse ta’uu Dooktar Abiy eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia