Obboloota keenya musiliimaa harka qalleeyyii ta’an waliin sagantaa Afxiraa gaggeessineerra- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Guraandhala 25, 2018 (FMC) – Obboloota keenya musiliimaa harka qalleeyyii ta’an waliin ibisituu waloomaa kan taate Paarkii Araadaatti sagantaa Afxiraa gaggeessineerra jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, sagantaan Afxiraa lammiilee harka qalleeyyii waliin taasifamu kutaalee magaalaa hunda keessatti bal’inaan gaggeeffamaa jiraachuus eeraniiru.
Hojii magaalaa keenya fakkeenya waliif yaaduu, wal deeggaruufi walgargaaruu gochuu cimee itti fufa jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.