Piriimeer Liigii Ingiliiziin taphni har’a Niwuukaasiil Arsenaal keessummeessuu ni eegama
Finfinnee, Fulbaana 18, 2018 (FMC) – Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 6ffaan taphni har’a Niwuukaasiil Arsenaal keessummeessuu hawwiin eegama.
Har’a waaree booda sa’aatii 10:00 eegalee Astooni Viilaan – Fuulhaama waliin taphata.
Galgala sa’aatii 12:30 jalqabee falmiin Niwuukaasiilii fi Arsenaal gidduutti godhamu xiyyeeffannoo argateera.
Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 63 keessaa Niwuukaasiil yeroo 12 yoo injifatu, Arsenaal yeroo 40 injifachuun, si’a 11 ammoo qixa bahaniiru.